Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa Marsaa 7ffaa Caamsaa 24 Bara 2018 adeemsifama- Boordicha

You are currently viewing Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa Marsaa 7ffaa Caamsaa 24 Bara 2018 adeemsifama- Boordicha

AMN PLUS- Sadaasa 30/2018

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu ilaalchisuun Miidiyaaleef ibsa kenneera.

‎Filannoon biyyaalessaa bara kana gaggeeffamu bilisaafi haqa qabeessa akka ta’uuf, paartilee morkattootaa 56 waliin mariin gaggeefamuus boordichi beeksiseera.

‎Milkaa’ina Filannoo biyyaalessaa bara kanaaf leecalloowwan barbaachisan hundi guutamaa jiraachuu Walitti qabduun Boordii Filannoo biyyaalessaa Aadde Meelatewarqi Haayiluu himanii, adeemsi filattoota galmeessuu karaa dijitaalawaafi waraqaan kan adeemisifamu ta’uus eeraniiru.

‎Paartileen morkattootaa of beeksisuu, duula na filadhaa gaggeessuu, Miidiyaa sirnaan fayyadamuufi qoodinsa baajataa irratti haqa qabeessummaan gama Mootummaa biyya bulchaa jiruun akka jiraatuuf haaldureen barbaachisu xumuuramuus Aadde Meelatewarqi Haayiluu Himaniiru.

‎Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa bara kana adeemsifamuuf Paartileen Morkattootaa beekkamtii qaban Amajii 1/2018 hanga Caamsaa 19/2018 Duula na filadhaa kan taasisan yommuu ta’u, Caamsaa 24/2018 Guutuu biyyattiitti buufataalee filannoo adda bahan hundatti Sagaleen kan kennamu ta’uu sagantaa bahe irraa hubachuu dandeenyeerra.

‎Sisaay Dirribaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply