“Nama yaadaan si dhibe yaadaan sirreessita malee uleen hin cabsitu” – Obbo Kadir Bulloo

You are currently viewing “Nama yaadaan si dhibe yaadaan sirreessita malee uleen hin cabsitu” – Obbo Kadir Bulloo

AMN PLUS – Mudde 7/2018

‎Mariin biyyaalessaa kan mootummaa qofa osoo hin taane kan uummata Itoophiyaa Miiliyoona 130 ol akka ta’e Ogeessi Seeraa Obbo Kadir Bulloo turtii AMN PLUS Qophii “Roga Dubbii waliin taasisaniin dubbataniiru.‎

“Mariin biyyaalessaa milkaa’aadha kan jedhamu haqa qabeessa yoo ta’edha” kan jedhan Obbo Kadir, “biyya kanaaf ana qofatu abbaa dhimmaati jedhanii yaaduunis dogoggora” jedhaniiru.

Dogoggora irraa barannee rakkoo har’aa furuun gara guddinaa deemuun barbaachisaa akka ta’e ibsuun yoo yaadaan wal mormuun jiraate illee, ‎”Nama yaadaan si dhibe yaadaan sirreessita malee uleen hin cabsitu” jedhan, ogeessi seeraa kun.

‎Rakkoo waggaa 150 yeroo tokkotti furuun waan hin danda’amneef, haalaafi yeroo rakkoolee kanneen furuun danda’amurratti hojjachuuf wal hubannoon uumamuu akka qabu kaasaniiru.

‎Itti dabaluunis, ”Mirgi abbummaa qabeenyaa keenya mirkanaa’ee qe’ee keenya irratti dhugaa namaa eegnee dhugaaf falmachaa guddina biyyaatiif gahee keenya bahachuuf qophaa’uun barbaachisaadha” jedhaniiru.

‎Komishinii Marii Biyyaalessaatti Qindeessaan Qabiinsa Komii Buzunaa Asaffaa gama isaaniin ajandaa walitti qabuuf sochii taasifameen qaamoleen dhimmi isaan ilaallatu hundumtuu ajandaa isaanii walitti qabuun komishinichatti deebisuu beeksisaniiru.

‎Komishinichi ajandaalee jijjiirama ijoo fiduu danda’an irratti sirna ajandaan marii itti bocamu qopheessuun ajandaalee bu’uuraa adda baafachaa akka jiru kaasaniiru.

Haala siyaasaa naannicha keessa jiru irraa kan ka’e, Tigraayitti ajandaa walitti qabuun akka hin danda’amne eeruun “mariin biyyaalessaa ajandaa hawaasa Tigraay fi qaamolee adda addaa achi keessa jiranii hammachuu barbaada” jedhaniiru.

‎”Mariin biyyaalessaa tokko bu’a qabeessa akka ta’uuf kan hojjetu tokko mootummaadha” jedhanii, mootummaan seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf qaamoleen adda addaa gaaffii qaban walitti dhufanii akka mari’atan waltajii uumee jiraachuu dubbataniiru.

‎Ammas mootummaan waan isa irraa eegamu ni ba’ata” jedhanii, Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa keessaa dorgommii irra jiran hedduun komishinii marii biyyaalessaa Itoophiyaa waliin hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply