Hoggantootni dhaabbilee 7 hoggansa cimaa kennaniin badhaafaman

You are currently viewing Hoggantootni dhaabbilee 7 hoggansa cimaa kennaniin badhaafaman

‎AMN PLUS- Mudde 12/2018

‎Dhaabbatni Badhaasa Giraand Afrikaa hoggantoota dhaabbilee invastimantii 7, hoggansa cimaa isaan kennaniif nadhaaseera.

Sirni Badhaasaa “Giraand Afrikaa” 20ffaan Yaadannoo Injifannoo Adawaatti adeemsifameera.

‎Hoggantootni kunneenis, Sheek Toofiq Kadir, Obbo Saamu’eel Taaffasaa, Tafarraa Lammaa Jimaa, Obbo Gamshuu Bayyanaa, Obbo Balaayinah Kindee, Dooktar Abdulhakim Mahaammad, fi Dooktar Israa’el Daggafaati.

Sirna kana irratti dhaabbileen 56 akka badhaafaman beekameera.

‎Bdhaafamtootni gara fuulduraattis hojii isaaniitti cimuun, hoggansa kennaniin fakkeenya ta’uun guddina biyyaa keessatti tumsuu akka itti fufan ibsaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply