Dijitaalaayizeeshiniin furtuu galma badhaadhinaa milkeesssudha- MM I/Aanaa Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing Dijitaalaayizeeshiniin furtuu galma badhaadhinaa milkeesssudha- MM I/Aanaa Tamasgeen Xurunaa

AMN PLUS- Mudde 13/2018

Dijitaalaayizeeshiniin furtuu galma badhaadhinaa milkeesssuu akka ta’e Ministirri Muummee Itti Aanaa FDRI Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Teekinooloojiin Dijitaalaa fedhii guddachuuf Itoophiyaan qabdu gahumsa guddachuun kan wal simsiisu ta’uu goolaba sagantaa Dijitaal Itoophiyaa 2025 fi jalqabsiisa Dijitaal 2030 irratti Obbo Tamasgeen Xurunaa dubbataniiru.

Tarsiimoon Dijitaal Itoophiyaa riifoormii diinagdee gooroo, karoora misoomaa waggaa 10 fi tarsiimoo cehumsa dijitaalaa Gamtaa Afrikaa ka’umsa taasifachuu ibsaniiru.

Tarsiimoon kun Ilaalama Mootummaa Ida’amuu irratti bu’uureffamuun kalaqa, saffisaafi bu’aa argamuu maluun qophaa’uu hubachiisaniiru.

Dameen dijitaalaa galma badhaadhina qabame milkeessuuf galtee olaanaa ta’uu hubatamee hojjatamaa jiraachuullee ibsaniiru.

Dijitaal Itoophiyaa 2025 si’aa’inaafi iftoomina dabaluun hojimaata dhaabbilee fooyyessuu kan kaa’an bu’aawwan diinagdee hedduu galmaa’aniif qooda olaanaa ba’achuu eeraniiru.

Tajaajilootni mootummaa hedduu giddu gala tokko irraa akka lammiilee dhaqqaban haala mijataa uumaa jiraachuu ibsaniiru.

Dijitaal Itoophiyaa 2025 ilaalcha kan jijjiire ta’uu kan eeran Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen, “boqonnaa haaraa Dijitaal Itoophiyaa 2030tti cehuu dandeenyeerra” jedhan.

Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030’n hojiileen cehumsa dijitaalaa damee maraan eegalaman kan itti babal’ataniifi sirna dijitaalaa cimaa kan itti ijaaramu tahuu himaniiru.

Dabalataanis, bu’aawwan dijitaalaa waaressuufi cehumsa biyyaalessaa sirna irratti hundaa’e kan itii mirkanaa’u akka ta’e dubbataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply