‎Guyyaan Itoophiyaa Gara Dijitaal 2030tti ceete Guyyaa Seena qabeessa- Obbo Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing ‎Guyyaan Itoophiyaa Gara Dijitaal 2030tti ceete Guyyaa Seena qabeessa- Obbo Tamasgeen Xurunaa

‎AMN PLUS – Mudde 13/2018

‎Ministirri Muummee Itti Aanaa Itoophiyaa Obbo Tamasgeen Xurunaa, sirna jalqabsiisa tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030 irratti argamuun, Itoophiyaan gara boqonnaa dijitaal haaratti ce’uuf qophii guutuu qabaachuu ishee ibsaniiru.

‎Sagantaan Koodarsi Miliyoona 5 jedhamu lammiileen dandeettii dijitaalaa akka horatan irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

‎Haga ammaattis namootni miliyoona 2.8 leenjii kan fudhatan yoo ta’u isaan keessaa namootni miliyoona 1.9 leenjicha xumuruun waraaqaa ragaa argachuu isaanii Ministirri Muummee Itti Aanaan ibsaniiru.

‎Waggoota shanan darban keessatti mootummaan labsii “Start-up” jedhamu hojiirra oolchuun, dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa walitti hidhee, rakkoolee hawaas-diinagdee biyyattii furuuf yaadota kalaqaa fi teeknooloojii irratti hundaa’an hojiirra oolchuu danda’uun isaa eerameera.

‎Obbo Tamasgeen Xurunaa akka jedhanitti, Dijitaal Itoophiyaa 2025 hojiirra ooluun, adeemsa faayinaansii, kenninsa tajaajilaa, walitti hidhaminsa daldalaa, qaqqabummaa mootummaa, nageenya fi tasgabbii akkasumas haala miidiyaa ammayyeessuu keessatti jijjiirama guddaa fideera.

‎Itti dabaluunis, tarsiimoon Dijitaal Itoophiyaa 2030 tajaajiloota mootummaa dijitaalaan kennuu, carraa hojii dargaggoota babal’isuu, daldala elektirooniksii cimsuu, nageenya odeeffannoo mirkaneessuu fi guddina diinagdee saffisiisuuf shoora murteessaa akka qabaatu ibsaniiru.

‎Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa, gara Dijitaal Itoophiyaa 2030tti boqonnaa haaratti ce’uun, seenaa jijjiirama dijitaal Itoophiyaa keessatti guyyaa olaanaa fi seena-qabeessa ta’uu ibsaniiru.

‎Qindoominni mootummaa, dhaabbilee dhuunfaa fi hawaasaa milkaa’ina tarsiimoo kanaaf murteessaa ta’uu isaanii hubachiisaniiru.

‎Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply