Appilikeeshiniin Kitaabilee Ida’amuu qabate hojii eegale

You are currently viewing Appilikeeshiniin Kitaabilee Ida’amuu qabate hojii eegale

Ergaa Waajjira Ministira Muummee

Kitaabileen Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barraa’an (Ida’amuu, Daandii Ida’amuu, Dhaloota Ida’amuu, fi Mootummaan Ida’amuu) namarratti xiyyeeffachuun imala diinagdee damdaneessaan yeroo gabaabaa keessatti Itoophiyaa gara boqonnaa fooyya’aatti ceesisuuf gargaaraniiru.

Yaadamoonni kitaabilee kanneen keessatti ka’an yaadarra darbee qabatamaan kan mul’ataniifi dhaloota abdii kan gonfachiisanidha.

Yeroo ammaa kitaabileen kunneen maxxansaan ala sagaleetti hiikamuun appilikeeshiniin dhiyaataniiru.

Waltajjii appilikeeshiniin kun itti ifoome irrattis hojiileen waggoottan jijjiiramaa darban yaadama Ida’amuun hojjetamanii fi bu’aaleen galmaa’an gabaastota dhaabbii Waajjira Ministira Muummeen xiinxalamaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply