Magaalaa Finfinneetti Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa qisaasa’ama qabeenyaa hambisuuf sagantaan onlaayinii faayidaa guddaa akka qabu beeksise.
Magaalaa Finfinneetti qabeenya mootummaa qisaasamuurraa ittisuun faayidaa yaadameef qofa akka ooluu taasisuuf sagantaa bulchiinsa qabeenyaa ammayyaa “STOCK AMIS” jedhamu jalqabsisisuun ibsameera.
Sagantaan kunis qabeenya mootummaa adda baasuun onlaayiniin galmeessanii onlaayiniin to’achuun faayidaa barbaadameef qofa oolchuun akka gargaaru Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Yusuuf Ibraahim ibsaniiru.
Sagantaan kun hannaafi hojimaata badaa ittisuun qabeenya mootummaa qisaasamurraa hambisuun faayidaa haqa qabeessaafi tajaajila si’ataa hawaasaaf kennuuf akka gargaaru Obbo yusuuf dubbataniiru.
Itoophiyaa dijitaalessuuf galma kaa’ame milkeessuuf akkasumas qabeenya muraasa haala bu’a qabeessaan faayidaarra oolchuuf sagantaan bulchiinsa qabeenyaa ammayyaa kun gahee olaanaa akka qabu Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Faayinaansii Magaalaa Finfinnee Obbo Abdulqaadir Reeduwaan ibsaniiru.
Zallaqaa Oljirraatu gabaase