Naannoo Tigiraayitti buqqaatoota buufata yeroo Hitsatsiitti argamaniif deeggersi taasifamaa jiraachuu ibsame

You are currently viewing Naannoo Tigiraayitti buqqaatoota buufata yeroo Hitsatsiitti argamaniif deeggersi taasifamaa jiraachuu ibsame

‎AMN PLUS- Mudde 15/2018

‎Deeggarsa namoomaa buqqaatoota Naannoo Tigraayi Godina Lixa Tigraay aanaa Asgadaa buufata turtii yeroo Hitsatsii keessatti argamaniif dhiyaachaa jiru ilaalchisee ibsi kennameera.

‎Mootummaan lammiilee bakka turtii yeroo keessa jiraataniif deeggarsa namoomaa midhaan nyaataa dhiyeessaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa ibseera.

‎Haa ta’uutii buqqaatoota buufata tursa yeroo Hitsatsii keessatti argamaniif deeggarsi namoomaa akka hin dhiyaanneetti odeeffannoon miidiyaa hawaasaan tatamsa’aa jiru haala waliigalaa bakka tursichaa kan hin ibsine ta’uu beeksise.

‎Buqqaatoota deeggarsa namoomaa barbaadaniif waggaa guutuu itti fufiinsaan midhaan nyaataa dhiyaachaa turuu ibse.

‎Lammiilee buufata turtii yeroo Hitsatsii keessatti argamaniif deeggarsi namoomaa Baatii Fulbaanaa 2018 eegalee hanga Mudde 2018 karaa guutuu ta’een deeggarsi midhaan nyaataa dhiyaachaa jiraachuu eere komishinichi.

‎Baatiiwwan arfan darban qofa lammiilee bakka tursa yeroo Hitsatsii keessatti argaman kuma 14 fi 413 deeggarsi namoomaa taasifamaa turuu hime

‎Dabalataan lammiilee buufata tursaa ollaatti argaman dabalatee baatii Fulbaanaa buqqaatoota kuma 16 fi 775, baatii Onkololeessaa namoota kuma 18 fi 290, Baatii Sadaasaa namoota kuma 17 fi 813, akkasuma baatii muddee namoota kuma 14 fi 413’f deeggarsi midhaan nyaataa dhiyaachuu ibse.

‎Waliigalaan midhaan kuntaalli kumni 11 fi 405 baatiwwan arfan darban keessa dhiyaachuu eere.

‎Kunis gara maallaqaatti yoo jijjiirama Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 57 caalu akka ta’e beeksise.

‎Gama biroon, bulchiinsi yeroo naannichaa deeggarsi dabalataa akka barbaachisu osoo gaafatee mootummaan federaalaa deeggarsa taasisuuf qophummaa qabaachuu beeksise.

‎Dhimmoonni olitti eeraman akkuma jirutti ta’ee deeggarsi dhiyaate lammiilee kanneenif sirnaan qaqqabuu isaa mirkaneessuu fi hanqinni yoo jiraate sirreessuun gahee bulchiinsa yeroo naannichaa ta’uu ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply