Ajjeechaa jalaa miliqanii, seenaa hin awwaalamne kan kataban – Hayyuu Maammoo Gadaa eenyu?

You are currently viewing Ajjeechaa jalaa miliqanii, seenaa hin awwaalamne kan kataban – Hayyuu Maammoo Gadaa eenyu?

AMN PLUS- Mudde 16/2018

Sirna ciisanyaafi abbaa lafaa bara mootummaa  Hayilasillaasee mormuuf qabsoo barattoota keessatti hirmaannaa guddaa qabu, Hayyuu Maammoo Gadaa umrii isaanii guutuu mirgaaf falmachaa akka turan ibsu.

Hayyuu Maammoon AMN Dijitaal waliin turtii taasisaniin, uummatni keenya lafti kan waaqaati jedhee kan amanu irra tikfatee qotatee jiraachuufi irra oolee galuu malee kan  lafaa wantaan qoodanii abbaa itti horan kana akka hin beekne kaasaniiru.

Sirni ciisanyaafi abbaa lafaa kuni uummatarraan rakkoo gahuu kan himan Hayyuu Maammoo Gadaa, qabsoo warraqsa  barattootaa “Lafti Qonnaan Bultootaf” jedhu san keessatti hirmaachuun qabsaa’aa akka turan dubbataniiru.

A.L.I. tti bara 1963 barataa kutaa saddeetii turan. Diddaa sirna mootummaa Hayilasillaasee mormuuf fincilanii dandirratti osoo qabsoo taasisanu qabamanii kaampii  leenjii poolisii “Kibur Zabanyaa” Dabra Biraanitti ji’a lamaaf akka hidhaman himan.

Hayyuu Maammoo Gadaa Aartii sirbaatinis quuqama uummataaf qabsaa’aa akka turan kan himu hojmaata badaa sirna Hayilasillaasee akkas jechuun….

            “Bakka fedhanillee deeman fagaatanitoo

            Nugusaan wajjiin oolan jabaatanitoo

            Gaaris uffatanii waan fedhan nyaatanitoo

            Homaa kuni hundumtuu namaa hin guutu gatiidhaa

           Yoo lammiin ofii taate namaa gadiidhaa

           Muknuu hin buufatu erga hundeen buqqaatee

           Namnis adda isaa maal godha yoo jabaatee

           Anas tana malee maaltu garaa na nyaatee

           Guddadhus wajjumaan aadaa tantoo harkisee

          Tokkichi adda isaa echa gahaa bultiin itti tolee

          Fuulli yoo calalaaqee qufees yoo machaa’ee

          Hagam miidhaga yoo duubni dalachaa’ee” jedhanii aartii sirban  qeeqaa akka tura eeran.

Sirni Hayilasillaasee kufee Dargiin dhufes gaaffii lafaa malee kan diimokiraasii waan hin deebisinif qabsaa’uu akka itti fufe dubbata Hayyuu Maammoo Gadaa.

Sirni Dargii warra fincilee barbaadee akka malee lubbuu isaanii gaga’aa akka ture kan ibsan Hayyuun kun, isaa mana barumsaa biiroo keessa taa’ee hojjeta jiru itti dhufuun yoo qabuf jedhanitti foddaa duubatiin bahanii miliquun lubbuu isaanii akka olfatan dubbatan.

“Osoo guyyaa san na qabatanii, na ajjeesu ture, gaafa waaqaatan oole” jechuun mararteen dubbata.

Qabsoo isaanii kan addaan hin kutin sirna Dargiillee aartii sirbaatiin akkas jechuun qeequ..

     “Ani waanuma jirutu malee wallaalee

     Hojii ilma namaa keechattuu maaltu caalee

     Yoo agarru kinoo yaadni hundaa addaanii

     Namumti kuni yoo maal hojjetee shaggeenii

     Qotus na danda’aa haamus na beeka harkii

     Waanuma hundarraa rorrootu ulfaata nattii

     Ba’aa rorroodha dhiirri akkam gooteti baattii

     Lubbuu hamma qilleensaa hin geenye yoo yaadani

     Maal qaba osoo rorrifamuu baatanii” edhee sirna Dargii Aartii sirbaatiin akka qeeqaa ture ibseera.

Sirni Dargii kufee akkumaa mootummaan TPLF dhufeen isaanis  akkuma Oromoon baay’een yeroo san ABO faana hiriiree qe’ee dhaloota isaanii Boosatitti waraana ijaarrachuun qabsoo akka itti fufan dubbatu.

“Yeroo san basaasan seelii diinaa biyya hin seenne, waraanni TPLF intala dubraa xiqqoo takkan loltoota  ABO nutti agarsiisi jedhanii osoo oofanu namni wa’ii gidduutti itti dhufnaan osoo isaa hasoofsisanu intanti xiqquma irraa siqxee eeruu nuf kennite, akka nuti iddoo qabnu kan nu gargaarte” guyyaa san injifannoon  galuu isaanii dubbatu.

Qabsoon ABO yeroo sanii laafnan  lubbuu isaanii oolfachuuf  Boosat keessa miliqaa jiraachaa akka turan manguddoon kuni kaasaniiru. Boosatitti adamsuu itti hammaannan garaa Finfinnee galuu kan himan guyyaa tokko garuu namni Boosatitti isaan beeku akka isaan qabsiise dubbatan.

“Qorannoof  na waamanii osoon hula balbalaa dura taa’uu roobni cimaan tokkoo roobnan, carraa san fayyadamee  waaqnis na gargaare  mana hidhaa sanii miliqeera” jedhu Hayyuu Maammoo Gadaa.

Qabsoo waraana dhiisuunis karaa nagaatiin qabsaa’uuf A.L.I tti filannoo bara 1997 irratti hirmaachuun lafa itti dorgomaan Aanaa Boosatiifi Fantaalletti sagalee caalmaa argachuun Parlaamaa seenanii waggoota shaniif tajaajilaa akka turanis ibsaniiru.

Sirna mootummaa dhufaa dabraa waliin qabsoo kan taasisan hayyuu Maammoo Gadaa bara mootummaa TPLF illee qabsoo aartii sirbaatiin kan qeeqaa turan waan raagan fakkaatu

Sirbi kunis…

        “Bona duubni gannaa dukkana boodan ifa taatii

        Wanni hunduu ni dabraa yoom akka taa’etti haafatii

        Ni cima dukkannii yoo barii jala dhiyaatee

        Booda deechi ilmaa haadha cinintiin itti hammaatee

        Sabnillee waa qaba rorroon yoo itti hammaatee

        Oromoo jilchinee cunqursaan kana duraatuu

        Mangistuufuu toollee “gooliin qayyii shibbiriituu”

        Itti rorriiftanii hagam bituu hiddan humnaanii

        Nagaan oolee gala maal godhaa jettan biyyaanii

        Hanga dhiiban qabaa hanga dhiisan qaba utubaanuu

        Bokookeetoo citnaan biyya galaafata du’anuu

        Yoo tuffee butanii hin basin afuura giddumaanii

       Hechoon raasanilleen namatti dhoti guddumaanii

       Dadhabaa se’inaa sabni mataa gadi qabannaanii

       Sareenuu qirransaa gara itti dheechitu dhabnaanii

       Itti baacuu gamnii ka’u galaanaa nama nyaata uummatni”

Jechuun sirbuun akkuma waan  raagan fincilli qabsoo uummataa bulchiinsa mootummaa TPLF aangorraa akka buusee jijjiiramni amma dhufe kuni ragaadha.

Ammallee hayyuun kuni Faawundeeshinii “Faanaa Haqaa Maammoo Gadaa” jedhu hundeessuun haqa irratti umri manguddummaa qabaniin waa’ee dhugaa barsiisaa akka jiranis ibsaniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply