“Abbaan koo osoo barnoota Seeraa irratti na eeguun barnoota muuziqaa irratti argame” – Weellisaafi Muuziqeessaa Anis Gabii

You are currently viewing “Abbaan koo osoo barnoota Seeraa irratti na eeguun barnoota muuziqaa irratti argame” – Weellisaafi Muuziqeessaa Anis Gabii

‎AMN PLUS- Mudde 16/ 2018

Abbaan isaa Artist Gabii Eda’oo, sirba ‘Aayyookoo’ jedhuun beekama. Daa’imummaa isaatti abbaan isaa sagantaa irratti yoo affeeraman isa fudhatanii gara waltajjii deemuun akka jaalala muuziqaan booji’amu isa taasisuu dubbateera.

“Abbaan koo osoo barnoota seeraa irratti na eeguun barnoota muuziqaa irratti argame” kan jedhu Anis Gabii, “abbaan koo hojii muuziqaan hojjadhu haa jajjabeessu malee, faayidaa irraa argamuun wal qabatee, akkan dirree hojii biraa irratti fuuleffadhu barbaada ture” jedheera.

Dhoksee baratee, yeroo eebbifamu akka abbaan isaa muuziqaan eebbifame beekuu kan dubbatu Anis, kanumaa waltajjii lama ta’anii irratti affeeraman irratti yoo isa argan akka baay’ee na’an, gammadanis ibseera.

“Abbaan keenya nu guddisuuf waan inni ta’e yoon yaadadhu, baay’een isa galateeffadha” kan jedhu Anis, yeroo ammaa abbaa isaa waliin wal gargaaruun muuziqaa hojjachaa jiraachuu dubbateera.

Abbaan Anis, Gabii Eda’oon, turtii kanaan dura AMN PLUS irratti taasisaniin, “Anillee ergan abdii kutee muuziqaa keessaa ba’ee ilmikoo naaf gahee hojiitti na deebise” jechuun dubbatanii turan.

‎Hacaaluu Hundeessaa  jecha tokkoofi maayikii tokkoon jirtuu jedhee uummata guutuu  jirraa jechisiisee humna muuziqaan qabu nutti argisiiseera jedhe  Weellisaafi muuziqeessaa Anis Gabii turtii AMN PLUS Og-Aartii waliin taasiseen.

‎”Artistootni keenya uummata guddaa tajaajilanii gaafa rakkatan waan ittiin yaalaman dhabanii kan du’an hedduudha” jedheera Anis Gabii.

‎Asallaatti akka dhalate kan himu wellisan kuni,  “Yeroon  ani dhaladhu Abbaan koo mana hidhaa waan turef  yoo Abbaan hin jiraanellee  bakka bu’uu danda’a jedhanii Anis Gabii jedhanii  na moggaasan” jedha.

‎Mana barnootaa kutaa 1-8 Finfinneetti akka baratte kan dubbatu Anis Gabii, barnoota isaa hanga sadarkaa 2ffaatti Adaamaafi Asallaatti barachuun sadarkaa Yunivarsiitii  Wallootti ogummaa muuziqaan baratee akka xumure ibsaniiru.

‎Weellisaafi muuziqeessaa Anis Gabii daa’imummaa isaa irraa kaasee sirboota dhaggeeffataa akka guddatte kan himu, “durumaa keessa kootti  kennaan muuziqaa akka jiru nan beeka” jedheera.

‎Sirbi inni jalqaba hawaasa biraan ga’e “Haadha Milkii” kan jedhu yoo ta’u barreessaan sirbichaa Leencoo Gammachuu akka ta’e eereera.

“Milli ofiyyuu leenji’ameeti malee silaa hin deemu” kan jedhu Anis Gabii, “waan  boru  itti gaafatamtu  jalaa ooluuf namni hunduu  keessattuu Artistootni muuziqaa barachuu akka qaban” kaaseera.

“Muuziqaan keenya bakka barbaadamu hin geenye” kan jedhu Aartist Anis Gabii, “ijoolleen keenya carraa barumsaa waan hin argataniif akkamiin carraa  barnootaa kana  argachuu akka  danda’a hojjechuuf murteessuun kanatti seene”  jedha

“Aartiin keenyaa kan kaleessa Raadiyoo cabsa jedhamuurra  darbee har’a as ga’eera”  kan  jedhu Wellisaafi Muuziqeessan kuni,  amma garuu dhalootni baay’een itti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.

‎Jalala guddaa muuziqaaf  akka qabu kan himu Anis Gabii, “hiriyaa koo taanaan ooltee bulteen  waa’ee muuziqaa dhaggeeffachuudha”  jedheera.

‎Addunyaa guutuun Oromoo irraa waa eegaa jiru ibsuun , aartiin  Oromoos cimuu akka qabu dhaameera Weellisaafi Muuziqeessaa Anis Gabii turtii AMN PLUS Qophi Og-Aartii  waliin taasise irratti

‎Daraartuu Tarreessaatiin  qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply