Konfiransiin tumsa dinagdee fi daldala bunaa Itiyoo-Chaayinaa eegale

You are currently viewing Konfiransiin tumsa dinagdee fi daldala bunaa Itiyoo-Chaayinaa eegale

AMN PLUS – Mudde 18/2018

Konfiransiin tumsa dinagdee fi daldala bunaa Itiyoo- Chaayinaa magaalaa Chaayinaa bulchiinsa Hunaan magaalaa Juujootti taa’amaa jira.

Konfiransiin kan jalqabaa ta’e kun buna Itiyoophiyaa gabaa Chaayinaatti beksisuu kan kaayyeffateedha.

Barbaadamummaa bunni Itoophiyaa gabaa Chaayinaatti qabu dabalaa dhufuunis ibsameera.

Waggaa shan dura bakka ga’umsa buna Itoophiyaa ta’uun sadarkaa 33ffaa irra kan turte Chaayinaan amma gara sadarkaa 4ffaatti guddachuun ishees eerameera.

Konfiransiin tumsa daldalaa fi dinagdee gabaa bunaa Chaayinaa Itoophiyaa kunis fedhii gabaa guddaa kana karaa tarsiimawaa ta’een guddisuuf jedhameera.

Konfiransicha irratti sagantaan buna dhandhama addaa Itoophiyaa dhandhamuu geggeeffameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply