Faalama qilleensaa hir’isuu fi tajaajila saffisaa kennuuf hojjatamaa jira- Ministeericha

You are currently viewing Faalama qilleensaa hir’isuu fi tajaajila saffisaa kennuuf hojjatamaa jira- Ministeericha

AMN PLUS-Mudde 20/2018

Torban sosochii faalama hir’isuu(Ethio-green mobility) qopheessummaa Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksiin eegalame kun igzibiishinii fi mariin paanaaliin adeemsifamaa jira.

Deetaan Ministiraa Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dheengee Boruu, Itoophiyaan faalama qilleensaa hir’isuu qofa osoo hin taane gabaa kaarbanii keessatti hirmaachuu akka qabdu kaasaniiru.

Damee geejjibaan maddeen anniisaa biyyattiin qabdutti ogummaan fayyadamuun tajaajila saffisaa fi si’ataa kennuuf hojjataa jiraachuu ibsaniiru.

Marii paanaalii irratti hirmaattonni yaada, qeeqa, sodaa fi yaada furmaataa kaasaniiru.

Kaayyoon sagantaa kanaa faalama qilleensaa hir’isuuf fayyadama konkolaattota elektirikii irratti hubannoo uumuu akka ta’e ibsameera.

Dabalataanis, abbootiin qabeenyaa damee kana irratti akka hojjatan jajjabeessuu fi gama teekinooloojiin walitti hidhamiinsa uumuu akka ta’e Ministirri Ministeera Gejjibaa fi Loojistiksii Alamuu Simee (PhD) wayita Torban sosochii faalama hir’isuu eegalchiisan dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Bayyanaa Taaddasaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply