“Siidaa Abishee Garbaa ijaaruudhaan mul’atakoo milkeeffadheera” Ogeessa Bobbocaa, Lammii Beenyaa

You are currently viewing “Siidaa Abishee Garbaa ijaaruudhaan mul’atakoo milkeeffadheera” Ogeessa Bobbocaa, Lammii Beenyaa

AMN PLUS- Mudde 20/2018

Misooma Qarqara Laggeenii Finfinnee keessaa Ashaaraa ofiisaa qaba. Misooma Kooriidarii naannawa Shiroo Meedaatti hojjetame keessatti haadholii jirbii foo’aniif yaadannoo ijaarame irratti hirmaateera. Paartkii Tokkummaattis bobboca garagaraa hojjeteera.

Yoo lafeen Abishee Garbaa deebi’uu baateyyuu seenaa isaan dhaaba jedheen siidaa isaa hojjedhe jedhe Ogeessi Bobbocaafi Barsiisaa Lammii Beenyaa.

‎Godina Hoorroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti dhalatee akka guddatte kan dubbatu Lammiin barnootasaa hanga sadarkaa 2ffaatti achumatti barate.

Yuunivarsiitii Finfinneetti Aartiidhaan waggaa 4 baratee ba’ee yeroo ammaa Asallaatti Barsiisaa Kolleejjii fi Dhaabbata dhuunfaa Istuudiyoo “Bobboca Lammiif” jedhu hundeessee Asallaafi  Buraayyuutti hojjechaa akka jiru dubbateera.

‎Lammiin daa’imummaa irraa kaasee hojii fakkii akka jaallatu gaafa dubbatu “bunni akaayii bada, ilmi eessuma bada” akkuma jedhamu, eessuma koofi ilmi wasiila koo kennaa bobbocaa waan qabaniif  tarii isaanittan ba’e ta’a jedhe turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen.

‎”Mul’atakoo keessaa Waaqayyo nagargaaree Siidaa Abishee Garbaa hojjechuu kootti bay’een itti gammada” jedhe

‎Hojiin isaa jalqabaa bobboca Abbaa Gadaa yoo ta’u hojii bobbocaa hedduu akka hojjetee kaasee, hanga harraatti biyyattii keessatti Siidaan Biroonziin hojjetame 3 kan hin caalle yoo ta’u keessaa tokko kan Abishee Garbaa ta’uu dubbateera.

‎Siidaa  Goototaa keessaa jalqaba irratti bara 2005 kan Oliiqaa Dingil jalqabee haalotni isa dhaabsisu akka muddate kan dubbatu Lammiin itti aansee siidaa  Gooticha Abishee Garbaa kaka’umsa ofii isaatiin bara 2008 jalqabee waggaa 4f dadhabbii heeddu booda bara  2012 walii galteen taasifamee, bara 2013 eebbaaf akka qaqqabe dubbateera.

Du’i Gooticha Abishee Garbaa gaabbii hundatti gateen yoo lafeen isaa deebi’uu baatellee dheebuu dhalootaa deebiisuuf  Siidaa isaa hojjedhe jedhe.

‎Aartii keessaa hojiin bobbocaa ulfaataafi dadhabsiisaa ta’uu kan kaase Lammiin, siidaa kana hojjechuufis bu’aa ba’ii hedduu akka dabarse dubbata.

‎Siidaan kan bakkee dhaabbatu yoo ta’ee mateeriyaalii roobaaf aduu dandamachuu danda’u akka ta’eefi sadarkaa adda addaan biroonzii irraa hojjetamuu akka qabu dubbateera.

‎Gooticha Abishee Garbaas goota Jaarraa 19ffaa walakkeessa, bara 1850 keessa ture roorroo karaa Goojjam  dhufu  qolatee  Oromiyaan akka hin sarbamne godhaa  turedha  jedhe.

‎Siidaan Gooticha Abishee Garbaas giddugala  Magaalaa Shaambuutti birrii  Miliyena 6.8 n hojjetame akka xumurame dubbateera.

‎Lammiin hojii Misooma koridarii magaalaa Finfinnee miidheksuuf hojjetamaa jiru keessatti ashaaraa isaa kaa’achaa jiraachuufi Paarkii tokkummaafi galma guddaa Masaraa keessatti argamu keessattis akka hirmaate himeera.

‎Siidaadhaan nama du’ee qofa yaadanna miti kan jedhe Lammiin, Artiist Alii Birraafi Artiist Hacaaluu Hundeessaaf osoo lubbuun  jiraanii hojjedheefi galateeffachuuf osoon jedhuu du’atu itti ariifate jedhe.

‎Hojiin bobbocaa yeroo amma harka tokko 3ffaadhaan ogeessa bobbocaa bira ga’a kan jedhu ogeessichi, garuu kun hojii artistii waan ta’eef  kallattiidhaan qaamni hojjechiisuufi ogeessa bobbocaaf  kennamuu akka qabu hime.

Mootummaan xiyyeeffannaa dhimma kana ilaaluu akka qabu Ogeessa Bobocaafi Barsiisaa Lammii Beenyaa AMN Dijitaal waliin turtii taasiseen dubbateera

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply