Mnisteerri Dhimma alaa dhimmoota hariiroo alaa cimsaniifi maqaa gaarii Biyyaa ijaaraan irratti hojiilee hojjechaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximotiwoos (PhD) himaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Xiimootiwoos (PhD) Walgahii idilee 6ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irratti dhiyaachuun gaaffii mana maricha irraa dhiyaataniif deebiifi ibsa kennaniiru.
Walgayii kanaan raawwii hojii Ministeerichaa irratti gaaffiiwwan hedduun miseensoota mana maricharraa ka’aniiru.
Gaaffilee ka’an keessaa hojiiwwan diploomaasii biyyoota ollaarraa jalqabee sadakaa idil-addunyaatti hojjataman, tajaajila waajjira mana qonsillaa biyyoota birootti dhaqqabamaa gochuu, mirgi namoomaafi dimookiraasii lammiilee biyya alaa jiraatanii kabajamee akka hojjataniif maaltu hojjatamaa jira kan jedhan muraasa.
Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Xiimootiwoos (PhD) gaaffii mana maricharraa dhiyaataniif deebiifi ibsa kennaniin Diploomaasii Ummataa ilaalchisee dhaabbilee deeggartootaa biroo waliin ta’uun hojiin bu’a qabeessi hojjatamuu ibsaniiru.
Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa Gaaffii mootummaa ykn Paartii tokkoo qofaa osoon taane, gaaffii dhalootaa galma tarkaanfataa qabu tahuu Geediyoon Ximootiiwos (PhD) ibsaniiru.
Abbummaa Ulaa Galaanaa Itoophiyaa mirkaneessuuf miseensota Mana marichaa dabalatee lammiileen Itoophiyaafi dhalattootni Itoophiyaa hojii danuu hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Qaamolee garaa garaa deggersa tokko malee filmaatilee miidiyaa argataniin Dhimma kana irratti qabsa’aa jiranis galateeffataniiru.
Faayidaa biyyaalessaa fi mirga lammiilee kabachiisuuf Tattaaffiin Diploomaasiin eegalame cimee akka itti fufus ibsaniiru.
Sisaay Dirribaatu Gabaase