Pirojektii ijaarsa daandii Inxooxxoo-Sulultaa saffisiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

You are currently viewing Pirojektii ijaarsa daandii Inxooxxoo-Sulultaa saffisiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

‎AMN PLUS- Mudde 21/ 2018

‎Bulchiinsi Daandiiwwan Itoophiyaa pirojektii ijaarsa daandii konkiriitii asfaaltii Inxooxxoo-Sulultaa kiiloo meetira 20.3 dheeratu saffisiisuuf hojjachaa jiraachuu beeksise.

‎Daandichi kanaan dura kutaa magaalotaa osoo hin dabalatin meetira 10 kan bal’atu yoo tahu, dhiphina tiraafikaa hamaaf sababa waan ta’eef rakkoo kana dhaabbataadhaan furuuf gara meetira 50tti bal’ifamuu bulchiinsichi ibseera.

‎Kunis daandii konkolaataa bal’ina meetira 28 qabu kallattii lamaan, daandii biskileetii fi lafoo, qulqullinaa fi umrii daandichaa kan dheeressu, sirna dhabamsiisa bishaan xuraa’aa ammayyaawaa akkasumas hojiiwwan misooma magariisaa bareedinaa fi haala qilleensaa naannoo sanaa kunuunsu kan dabalatu ta’uu bulchiinsi kun beeksiseera.

‎Adeemsa pirojektii amma hojjetamaa jiru keessatti ijaarsi hojii lafaa, muruu, wal qixxeessuu fi sochii tiraafikaa osoo hin jeeqin hojjetamaa jiraachuu ibseera.

‎Daandiin kun yeroo xumuramu dhiphina tiraafikaa cimaa daandii kanarratti mudatu hir’isuun imala gara kutaalee biyyattii gara garaa haalaan salphisa jedhameera.

‎Kana malees, odeeffannoon Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaa irraa argame akka agarsiisutti, “oomisha qonnaa fi galteewwan indastirii naannolee kaaba biyyattii irraa gara giddugala biyyattiitti geejjibsiisuu akka danda’a” jedhameera.

‎Ijaarsi kun distiriktii Alamganaatiin hojjetamaa kan jiru yoo tahu, Koorporeeshiniin Injinariingii Itoophiyaa hojii gorsaa fi to’annoo gaggeessaa jiraachuu hubatameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply