Tuurizimii teekinooloojii ammayyaa waliin wal simsiisuun guddisuuf hojjetamaa jira- Komishinicha

You are currently viewing Tuurizimii teekinooloojii ammayyaa waliin wal simsiisuun guddisuuf hojjetamaa jira- Komishinicha

‎AMN PLUS-Mudde-21/2018

‎Komishiniin Tuurizimii Magaalaa Finfinnee teekinooloojii yeroon barbaadu hundatti fayyadamuun qabeenya tuurizimii magaalittiin qabdu daran beeksisuuf ogeeyyii miidiyaa waliin mari’ateera.

‎Komishinichi yeroo dhiyoo hundaa’e keessatti caasaa haaraa diriirsuun ogeeyyii haaraa beekumsaafi muuxannoo qaban horachuun qabeenya tuurizimii fi guddina Indastirii Tuurizimii Finfinnee guddisuuf hojjechaa akka jirus ibseera.

‎Tuurizimiin madda diinagdee guddaa akka ta’uuf hojiin jalqabe jajjabeessaa ta’uu Komishinarri Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Obbo Hundee Kabbadaa himaniiru.

‎”Hojiin tuurizimii kan qaama tokko qofa osoo hin taane hojii walooti” kan jedhan Komishinarichi, teekinooloojii ammayyaa waliin wal simsiisuun guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Qabeenya tuurizimii magaalittiin qabdu addunyaatti beeksisuun tuuristoota hawwachuuf hojiin qindoominaa ogeeyyii miidiyaa waliin jalqabame cimee itti fufuu akka qabu Komishinar Hundeen dubbataniiru.

‎Ogeeyyiin miidiyaa marii kanarratti hirmaatan yaada kennaniin, komishinichi bifa haaraan caaseffamee hojii keessa galuun gaarii ta’uu kaasuun, qabeenya tuurizimii Finfinnee beekanii walitti dhiyaatanii hojjechuun murteessaa tahuu dubbataniiru.

‎Abdiisaa Fufaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply