Ayyaana Qillee bara 2018 torban dhufu kabajamu irratti rakkoon dhiyeessii galteewwan oomishaa akka hin mudanneef xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Biiroon Daldala Oromiyaa Beeksiseera.
Oomishaalee, qulqullina, baayyinaa fi saffisaan fayyadamtoota biraan gahuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Hoogganaa Itti Aanaan Biiricha Obbo Tasfaayee Gashuu ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Oomishaaleen indastiriiwwanii fi qonnaa akka naannichaatti Gabaa Sanbataa 700 irratti kan dhiyaatan ta’uu Obbo Tasfaayeen ibsaniiru
“Sababa faddaaltootaa fi gidduu seentootaan rakkoon hanqina dhiyeessii akka hin mudanneef magaalota 23, godinaalee 21 fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin qindoominaan hojjetamaa jira” jedhan.
Hojiin To’annoo fi hordoffii gabaa sambataa fi dhaabbilee daldala dhuunfaa kuma 300 ol irratti kan taasifamu ta’uus eeraniiru
Mangashaa Daargeetu gabaase