Aadaa fi Seera Tapha Qiillee

You are currently viewing Aadaa fi Seera Tapha Qiillee
  • Post category:Aadaa
  • Post comments:0 Comments

AMN PLUS- Mudde 28/2018

Taphni Qiillee baroota dheeraaf saayinsiifi seerota ispoortii ammayyaa malee uummataan akkuma tapha aadaatti taphatamaa akka ture Ogeessi Saayinsii Ispoortii Inistiraaktar Faxxanaa Taaddasaa dubbatan. Namoonnis akkuma oollaa isaanii waliin jiraatannitti tapha aadaa kana kan taphatan ta’uus ibsaniiru.

Taphni qiillee kunis seeraafi dambii daangeffama kan hin guuttatiin oollan gareedhan ruurii ykn kubbaa xiqqaa tapha qiillee  kanaaf qophaa’ee rukutuun taphaatu.

Akka aadaatti lafti seeraafi dambiin kan hin daangeffamnee, lafa wantaa tokko ol fagaaturraa taphachaa akka turanis ibsaniiru.

Tapha kanas yeroo boqonnaa hawaasni kan taphaatan yoo ta’uu haga ruuriin ykn kubbaan tapha qiillee fagaattee deemtutti kan oofan ta’uus kaasaniiru.

Adeemsa  keessa taphni qiillee kunis ispoortii aadaa keessatti hammaatamuun seeraafi dambiin itti bahee taphatamaa akka jirus ogeessi saayinsii Ispoortii Inistiraaktar Faxxanaa Taaddaasaa turtii AMN Dijitaal waliin taasisanirratti ibsaniiru.

Taphaa aadaa kanaanis gareen tokko daangaa ceesisee yoo injifate gareen kun cimaafi laafaa jedhamee kan leellifamuu osoo hin ta’in ykn waa walirraa kaffalatan osoo hin ta’in, akka aadaa naannoo sanitti cidhaa waliif qopheessanii kan wal affeeran ta’uus Inistiraaktar Faxxanaan himaaniiru.

Taphaa qiillee kana wanni adda taasisuu ulee tapha kanaaf qophaa’een kan taphatamuu ta’uu isaati kan jedhan Inistriaaktar Faxxanaan, ulee kanaan taphatan yoo wal rukutellee haaloo walitti kan hin qabannee ta’uu kaasaniiru.

Meeshaaleen ittin taphatan uleen sun hiddaa fa’arra kan qophaa’uufi ruuriinis wantootuma naannootti argamurraa bifa aadaatiin kan qophaa’u akkasumas laftii irratti taphatanis baay’ee kan walqixxaate osoo hinta’iin lafuma diriiraa muka hinqabne akka filatan Inistiraaktar Faxxanaan  kan ibsan.

Yeroo ammaa garuu  seeraafi dambiin isaa itti bahee seera taphaa, seera ruurii, seera taphni ittin eegalamuu qabatee akkasumas yeroo inni itti taphatamuu adda bahee taphatamaa kan jiru ta’uus eeraniiru.

Seeraafi dambiin  tapha qiillees akka ispoortii aadaatti beekamee taphatamaa kan jiru yoo ta’u, bal’inni dirree meetira 45 haga 50 akkasumas dheerinni isaa meetira 90 haga 100 akka ta’e kaasaniiru.

Gareen tokko miseensa kudhan kan qabu yoo ta’uu, yeroo tokkotti  dirreen tapha qiillee namoota digdama kan keessummeessu ta’uus himaniiru. Miseensa garee tokkoo keessaa tokko kan ulaa goolii eeguu yoo ta’u sagal ni taphatu jechuudha.

Akka seera tapha qiilletti gareen tokko yoo nama torba kan dhiyeeffatu ta’e taphni eegalamuu akka danda’u kaasaniiru. Garuu taphaattotni torbaa gadi taanan taphichi eegalamuu akka hin dandeenyes ibsaniiru.

Taphni qiillee kunis akka tapha kubbaa miilaa garee tokkoof kennamee taphni kan eegalamuu osoo hin ta’in gareen lamaanuu kan waliin eegalan akka ta’es Inistiraaktar Faxxanaan dubbataniiru.

Innis abbaan murtii taphichaa sagalee eegalaa jedhuu yoo dhageessise, gareen lachuun (ulee lafaan tuquun as ruurii , samitti ulee olqabuun as qiillee…x3) si’a sadi jechuun tapha eegalu.

Sirna jalqabbii tapha kanaarratti kara gadiitti lafan tuquu, yoo gara samiitti ol qaban ulee waliin tuquu jechuudha. Kana keessaa gareen seera kana osoo hin hordofin ruurii tuqe adabbii fudhateeti ruuriin garee morkataaf kennamtee  taphni itti fufa jechuudha.

Taphni kuni akkuma kubbaa miilaa marsaa kan qabuu yoo ta’u turtiin tapha tokko daqiiqaa 60 keessatti taphatama.

Boqonnaa duraa daqiiqaa 30 kan taphatan yoo ta’u, turtii boqonnaa daqiiqaa 10 booda daqiiqaa 30 taphatu jechuudha.

Gareen injifachaa dhufe akkuma kubbaa miilaa waancaa kan argatu yoo ta’u, tapha tokkorratti gareen tokko taphattoota 5 jijjiiru akka danda’us Inistiraaktar Faxxanaa Taaddasaa turtii AMN Dijitaal waliin taasisanirratti ibsaniiru.

Bal’inni goolii dalgeen meetira sadii yoo ta’u, dheerinni ykn oleen isaa meetira tokko akka ta’es Inistiraaktar Faxxanaan  kaasaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply