Waliingeettin barnoota idileen duraa babal’ifamaa jira- Waajjira Ministira Muummee

You are currently viewing Waliingeettin barnoota idileen duraa babal’ifamaa jira- Waajjira Ministira Muummee

AMN PLUS- Mudde 30/2018

Barnoonni idileen duraa humna namaa egeree akka cimsu Waajjirri Ministira Muummee ibse

Daa’imman barnootaa fi jireenya isaaniin akka milkaa’aniif ogummaafi beekumsa isaan barbaachisu gonfachiisuun barnootaa waaraafi milkaa’ina dhuunfaaf bu’uura akka kaa’us eereera.

Barnoota idileen duraa qulqullina qabu waliin gahuuf, barsiisota leenjisuuf, naannawaa barnootaa nageenyummaan isaa eegameefi mijataa ta’e uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Kanaaf ammoo sadarkaa biyyaalessaatti manneen barnootaa oolmaa daa’immanii kumaatamni ijaaramaa jiraachuu eereera.

Barnoota idileen duraa kutaalee hawaasaa tajaajilicha hin arganne biraan gahuun walqixxummaa akka mirkaneessuufi guddina hawaasummaa kan saffisiisu ta’uu ibseera.

Kana malees humna namaa egeree kan cimsudha jedhe.

Itoophiyaan waggoottan jalqabaa daa’immanii irratti invast gochuun dhaloota ofitti amanuufi gahoome uumuun guddina hawaasummaafi diinagdee yeroo dheeraa saffisiisaa jiraachuu eereera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply