Dameen dargaggoota Paartii Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa milkeessuuf gahee isaa bahachuu qaba – Obbo Adam Faaraah

You are currently viewing Dameen dargaggoota Paartii Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa milkeessuuf gahee isaa bahachuu qaba – Obbo Adam Faaraah

AMN PLUS – Amajjii 1/2018

Dameen dargaggoota Paartii Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa milkeessuuf gahee isaa bahachuu qaba jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti hogganaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimokiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.

Dameen dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Waajjirri Muummee raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii gamaaggamaa jira.

Filannoon yeroo itti aanuu haqa qabeessa, diimokiraatawaa, hirmaachisaa fi nagaa akka ta’u dargaggoonni kaardii filannoo fudhachuun sagalee akka kennuu qabu jedhan obbo Adam Faaraah waltajjicharratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Kanaafiis gurmuun Damee dargaggoota paartii badhaadhinaa gahee irraa eegamu bahuu qaba jedhan.

Gurmuun Damee dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa dhaloota seenessa waloon ijaarameefi badhaadhina hundagaleessa Itoophiyaa mirkaneessuuf gahee olaanaa kan qabu humna tarsiimawaati jedhan.

Filannoo biyyaalessaa bilisa, diimokiraatawaa fi ummata biratti amanamaa ta’e gaggeessuuf galma Paartiin Badhaadhinaa qabate milkeessuu keessatti Dameen Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa kutannoo, naamusaa fi olaantummaa yaadaan hojjechuutu irraa eegama jechuun hubachiisan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply