Filannoon Biyyaalessaa milkaa’inaan akka xumuramu qophiin taasifameera- Paartii Badhaadhinaa

You are currently viewing Filannoon Biyyaalessaa milkaa’inaan akka xumuramu qophiin taasifameera- Paartii Badhaadhinaa

AMN PLUS- Amajjii 7/2018

Filannoon Biyyaalessaa marsaa 7ffaan milkaa’inaan akka xumuramuuf qophii gahaan taasifamuu Paartiin Badhaadhinaa beeksise.

Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa fi Ittigaafatamaan Waajjira Muummicha Paartichaa Adam Faaraah, filannichi haqa qabeessa akka ta’uu fi milkaa’inaan akka xumuramuuf paartichi gahee isaa kan bahatu tahuu ibsaniiru.

Obbo Adam kan ibsan wayita, Paartiin Badhaadhinaa raawwii hojii ji’oota ja’aa Bara 2018 qorachaa jirutti akka ta’e ibsameera.

Akka paartii mootummaa biyya bulchaa jiruutti hojiiwwan nageenyaa filannoo gaggeessuuf dandeessisan hojjetamaa jiraachuu kaasanii, filannicha irratti ga’umsaan hirmaachuufis qophii gahaan taasifamuu dubbataniiru.

Itti dabaluunis, “Hojiiwwan misoomaa lammiilee fayyadamoo taasisan hoogganuun nageenya waaraa mirkaneessuuf yaaliin godhame bu’aalee jajjabeessoo galmeessuu danda’eera” jedhan.

“Walitti dhufeenya uummataa cimsuun seenessi obbolummaa sabdaneessummaa cimeera” kan jedhan Pirezidaantiin Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa, kunis tokkummaa biyyaalessaa akka cimse himaniiru.

Ji’oota ja’an darbanitti hooggansa yaadama siyaasaa sirriitti hubate uumuuf hojiiwwan hojjetamaniin ga’umsi hooggansaa guddachuu eeruun, Badhaadhinni gurmaa’insaa fi hojmaataan guddachuu akka danda’e ibsuu isaanii odeeffannoon Waajjira Paartii Badhaadhinaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply