Nama balaa elektirikii irraa hafee hojii gaarummaa hojjetu

You are currently viewing Nama balaa elektirikii irraa hafee hojii gaarummaa hojjetu

‎AMN PLUS – Amajjii 12/2018

‎Mana Amantii Pirotestaantii Warra Jarmanii kan Finfinnee naannawa Caffee Araaraatti argamu balbala irratti, waggaa waggaan ayyaana Cuuphaa irratti taatee addaa tokko ni mul’ata.

‎Ayyaanni Cuuphaa yeroo ga’u, miseensonni mana amantichaa daandii irratti amantootaaf bishaan dhugaatii qooduu isaanii arguun waan barameedha.

‎Gocha gaariin kun waggoota dheeraaf itti fufee kan jiru yoo ta’u, seenaa duuba isaa jiru immoo seenaa amantii, jaalala fi fayyinaa gadi fagoo ta’eedha.

‎Tajaajila kana jalqabsiise namni mana amantii warra Jarmanii keessatti hojjetu Obbo Indaalee Geetaachoo, maqaa moggaasaa “Jaaguwaar” jedhamuun hedduun isa beeku.

‎Obbo Indaaleen amantii Ortodoksii Tawaahidoo kan hordofan ta’anii, waggaa 15 dura mudannoon jireenya isaanii jijjiire isaan quunname.

‎Waggaa 15 dura, galgala ayyaana Cuuphaa, hojii daandii miidhagsuu irratti bobba’anii osoo jiranii, balaa elektirikii cimaa isaan qunname.

‎Namoonni naannoo sana turanii fi miseensonni mana amantii warra Jarmanii hatattamaan gargaaranii gara wal’aansaatti isaan geessan.

‎Obbo Indaaleen siree hospitaalaa irra ciisanii akkana jedhanii Waaqa isaanii kadhatan.

‎“Yaa Waaqayyo yoo na oolchite, waggaa waggaan ayyaana Cuuphaa irratti amantootaaf bishaan nan dhiheessa” jedhe.

‎Waaqni kadhannaa Jaaguwaar dhaga’ee fayyina isaaf kennee, Hospitaalaa keessaa akkuma ba’een waggaa jalqabaatti, tajaajila bishaan kennuu ofumaan jalqabe.

‎Garuu waggaa itti aanu tajaajila kana itti fufuuf hayyama mana amantichaa yoo gaafatu bulchitoonni mana amantichaa gaaffii isaanii gammachuun simachuun qofa osoo hin taane, “Nuti illee si waliin taanee tajaajila kana ni raawwanna,” jedhanii akka deebisan Obbo Indaalle ni dubbatu.

‎Guyyaa sanaa eegalee, bulchitoonni fi miseensonni mana amantii warra Jarmanii kakuu Jaaguwaar kan ofii isaanii godhatan.

‎Paastarii mana amantichaa Yohaan Kilaayin, akka AMN Dijitaaliif yaada kennaniin gochi kun garaagarummaa amantii ce’ee kabajaa fi jaalala namni namaaf qabu kan agarsiisu carraa guddaadha jedhan.

‎Bara kanas akkuma duraanii tajaajilli kun haala bareedaa fi sirriin itti fufeera.

‎Yeroo 15ffaaf sagantaa kana raawwatameen, amantoonni kumaatamaan lakkaa’aman dheebuu isaanii ba’uun ergaan waliin jiraachuu fi nageenyaa dabarfameera.

‎Hoggantoonni mana amantichaa, tajaajilli kun fuuldurattis caalaatti jabaatee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

‎Lubbuun eebbifamtee bu’aa qabeettiidha, miidhaa Jaaguwaar irraa ka’uun, amantoota kumaatamaaf dheebuu baaste.

‎Seenaan kun, garaagarummaa amantii osoo hin daangessin, gaarummaa akkamitti babal’isuu akka danda’amu barnoota guddaa kenna.

Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply