AMN PLUS – Amajjii 14/2018
Itoophiyaa fi Beelaaruus damee loltummaan sanada waliigaltee waloon hojjechuuf isaan dandeesisu mallatteessan.
Waliigalticha Ministirri Ittisaa Injiinar Ayishaa Mohaammad fi Ministirri Ittisaa Beelaarus Diimitirii Paantas mallatteessaniiru.
Injiinar Ayishaa Mahaammad wayita kana akka dubbatanitti, waliigaltichi tattaaffii indaastirii fi tekinooloojii loltummaa Itiyoophiyaa guddisuu fi meeshaalee loltummaan of danda’uuf taasifamaa jiruuf faayidaa olaanaa qaba.

Itoophiyaan giddugaleessa Afrikaa ta’uu isheen gabaa fi fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf akka gargaarus eeraniiru.
Gama biraatiin waliigaltee tarsiima’aa hoggantoonni biyyoota lamaanii mallatteessan hojiitti galchuuf kan gargaaru akka ta’es dubbataniiru.
Dimiitirii Paantas gama isaaniin, biyyootni lamaan pirojeektota adda addaa waliin hojjechaa akka jiran eeranii, waliigaltichi dameewwan haaraa garaagaraa irratti bobba’uuf carraa kan uumu ta’uu ibsan.
Humni Qileensaa Beelaarus ayyaana hundeeffama waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa bor irraa eegalee kabajamu irratti agarsiisa akka dhiyeessuu fi jilli isaaniis akka irratti hirmaatu ibseera.