Itoophiyaan dandeettii weerara tasaa to’achuuf qabdu guddifatteetti- Obbo Taaggasaa Caafoo

You are currently viewing Itoophiyaan dandeettii weerara tasaa to’achuuf qabdu guddifatteetti- Obbo Taaggasaa Caafoo

AMN PLUS- Amajjii 18/ 2018

Itoophiyaan vaayirasii Maarbargi to’achuu danda’uun ishee dandeettii weerara tasaa to’achuuf qabdu agarsiisa jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon.

Waltajjii hoggansa deebii balaa tasaa fayyaa hawaasaa Itoophiyaa fi labsii to’annoo dhukkuba vaayirasii Maarbargi gaggeeffame irratti sagantaan beekamtii kennuu adeemsifameera.

Obbo Taaggasaa Caafoon wayita kana ergaa dabarsaniin bu’aan vaayirasii Maarbargi to’achuun dhufe hiikaa guddaa qaba jedhan.

Vaayirasicha Itoophiyaa keessaa balleessuuf karaan danda’ame milkaa’ina imaammata fayyaa akkasumas kutannoo fi qindoomina hoggansaaf agarsiistuu ta’uu kaasanii, imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojii eegumsa fayyaa lammiileef dursa kennuun hojjetamaa jiraachuu eeran.

Hojimaata saayinsawaa hordofuun sirni deebii qindaa’aa itti kenname vaayirasicha Itiyoophiyaa keessaa balleessuu akka dandeessiseefi kunis Itoophiyaan sirna fayyaa dhukkuboota tasaa dandamatu ijaaruu ishee kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Qaamolee tattaaffii vaayirasicha to’achuu keessatti qooda isaanii bahatan galateeffataniiru.

Bu’aa dinqisiisaa argame itti fufsiisuun hojiin dandeettii sirna fayyaa cimsuufi ammayyeessuu cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply