AMN PLUS- Amajjii 18/3018
Itoophiyaan weerara Vaayirasii Maarbarg guutummaan to’achuushee Ministeerri Fayyaa ifoomse.
Sagantaan Milkiiwwan Qophaa’ummaa Balaawwan Fayyaa Hawaasaa To’achuu, Ministeera Fayyaan qophaa’e bakka Afyaa’ii Taaggasaa Caafoon argamanitti gaggeeffamaa jira.
Ministirri Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan sirna fayyaa cimaa weerara ittisuufi to’achuu danda’u ijaaramuu himan.
Dhiyeenya vaayirasii Maarbarg magaalaa Jiinkaatti mul’ate guutummaa guutuutti to’atamuus Dooktar Maqdas ifoomsaniiru.

Balaawwan tasaa mudatan dafanii to’achuu fi qormaata mudatan hawaasa, qaamolee dhimmi ilaaluu fi Ogeessota isaa wajjin ta’uun injifachuu akka danda’e Ministeerichi ibseera.
Weerara vaayirasii Marbargi (MVD) to’achuu keessatti Ministeerichi Inistituutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, CDC Afriikaa, Biirolee Fayyaa naannoolee fi hawaasa wajjin ta’uun akka hojjataa ture beeksiseera.
Vaayirasii kanaan Namoonni 14 qabamanii akka turanii fi 9 akka du’an akkasumas namoonni shan damdamachuun ni yaadatama.
Bayyanaa Taaddasaatu gabaase