AMN PLUS- Amajjii 18/2018
Itoophiyaan darattootnii fi dargaggootni barnootaafi ogummaa teekinooloojiidhaan deggerame akka argataniif sirna dijitaalaa babal’isaa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.
Maloota walitti hidhamiinsa intarneetii mijeessuun akkasumas meeshaalee dijitaalaa fi galteewwan I-Larniingii (E-learning) manneen barnootaa fi wiirtulee leenjiitti akka hammataman taasisuun, carraa barachuu babal’isuun akka danda’ame ibseera.

Barnootni dijitaalaa qaawwa barnootaa cufuuf akkasumas barattoota addunyaa hojii ammayyaaf qopheessuuf shoora guddaa qabaachuu ibseera.
Barnootni dijitaalaa barattootni teekinooloojii fayyadamuun, rakkoo furuufi kalaqa keessatti ogummaa barbaachisaa ta’e kan gonfachiisu ta’uu hubachiiseera
Kunis barattoonni barnootaa fi hojii isaanii keessatti akka milkaa’an akka gargaaru ibsuun, dabalataanis; guddina diinagdee fi misooma waliigalaa biyyattii keessatti gahee isaanii akka bahatan akka deggeru odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa Waajjira Ministira Muummee irraa argame ni mul’isa.