Milkaa’inaawwan Gurguddoo Magaalaa Finfinnee Baatiiwwan Jahan Darbanitti:

You are currently viewing Milkaa’inaawwan Gurguddoo Magaalaa Finfinnee Baatiiwwan Jahan Darbanitti:

👉 Misooma Daandii: Daandiin haaraan kilomeetira 134 kan ijaarame yoo ta’u, daandiin kilomeetira 573 ol ta’u ammoo suphameera.

👉 Bishaanii fi dhangala’aa: Dhiyeessii bishaanii meetira kuubii kumni 60 ol guddisuuf hojiin bu’a-qabeessi hojjetameera. Akkasumas, xuraawaa dhangala’aa ammayyeessuuf ijaarsi warshaalee calaltuu 8 saffisaan raawwatamaa jira.

👉 Tajaajila Hawwaasummaa: Gaaffii uummataaf deebii kennuuf barnoota, fayyaa fi dameewwan hawwaasummaa biroo irratti pirojeektonni 274 ijaarsa irratti argamu.

👉 Misooma Koriidarii: Misooma koriidarii fi qarqara lagaa magaalaa keenya deebisnee ijaaruun, bifa biyya keenyaa jijjiiruuf hojjetameera.

👉 Mana Jireenyaa: Jiraattotaaf manneen jireenyaa fi daldalaa kumni 12 ijaararamanii fayyadamtootaaf darbaniiru.

Turizimii: Finfinneen wiirtuu turizimii konfiraansii ta’uun ishee guddatee, ji’oota 6 keessatti konfiraansota 150 ol keessummeessiteetti.

👉 Carraa Hojii: Lammiilee kumni 195 oliif carraan hojii dhaabbataa fi namoota baay’eedhaaf carraan hojii yeroo uumameera.

👉 Tajaajila Mootummaa: Komii uummataa hiikuuf tajaajila ‘Masoob’ jedhamuun itti quufinsa uummataa 94% galmeessisuun danda’ameera.

👉Tajaajila Tola Ooltummaa: Hirmaannaan uummataa fi deeggartoota misoomaa kiliyaantotaa guddatee, hojii tola ooltummaa birrii biliyoona 13 tti tilmaamamuun tumsi uummataa guddaan mul’ateera.

Karoora Ji’oota 6 Itti Aanan:

Ji’oota ja’an itti aanan keessatti garaagarummaa raawwii hoggansaa dhiphisuun, ijaarsa dhaabbilee cimsuu, malaammaltummaa fi hojmaata badaa sirna ammayyaa fi hirmaannaa uummataan dhabamsiisuu, akkasumas qaalayiinsa jireenyaa hir’isuuf walitti qabiinsa galii cimsuu irratti waliigalteen uumameera jedhan Kantiibaa Adaanach Abeebee.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply