Gareen Humna Galaanaa Itoophiyaa shaakala galaanaa biyyoota BRICS irratti hirmaate gara biyyaa deebi’e

You are currently viewing Gareen Humna Galaanaa Itoophiyaa shaakala galaanaa biyyoota BRICS irratti hirmaate gara biyyaa deebi’e

AMN PLUS-Amajjii 18/2018

Gareen Humna Galaanaa Itoophiyaa Itti Aanaa Admiraalaa Kinduu Gazzuun durfamu leenjii galaanaa biyyoota BRICS mata duree “Fedhii Nageenya 2026” jedhuun Afrikaa Kibbaatti taasifame irratti hirmaate gara biyyaa deebi’e.

Shaakala humna galaanaa hoggansa Chaayinaatiin Afrikaa Kibbaa qopheessite kanarratti Gareen Humna Galaanaa Itoophiyaa hirmaachuun, hariiroo biyyoota BRICS waliin biyyattin qabdu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuun muuxannoo fi beekumsa adda addaa horatanii akka deebi’anis ibsameera.

Leenjiin cinaattis, Ajajaan Humna Galaanaa Itoophiyaa ajajaa Humna Galaanaa Afrikaa Kibbaa fi Ajajaa Itti Aanaa Humna Galaanaa Raashiyaa waliin kan mari’atan yoo ta’u, marii kanaanis Humna Galaanaa Itoophiyaa dameewwan leenjii adda addaatiin deggaruuf waliigaltee taasisaniiru.

Sirna cufiinsaa leenjichaa irratti Ajajootni Humna Galaanaa biyyoota BRICS hundi kan hirmaatan yoo ta’u, Garee Humna Galaanaa shaakalicharratti hirmaatanii daawwataniiru.

Leenjiin galaanaa irraa kunis fedhii biyyi ulaa galaanaa irraa qabdu kan agarsiisu ta’uu odeeffannoon Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa AMNf erge ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply