Kaayyoo Ijoo Torban Ajandaa 2063 Gamtaa Afriikaa

You are currently viewing Kaayyoo Ijoo Torban Ajandaa 2063 Gamtaa Afriikaa

‎AMN PLUS– Amajjii 21/2018

‎Ajandaan 2063 Gamtaa Afriikaa kaayyoo ijoo torba kan of keessatti hammatu yoo ta’u, isaanis:

👉 Afriikaa Badhaate

‎Afriikaa guddinni hunda hammatu itti mirkanaa’e, hiyyummaan keessaa dhabamsiifamee fi misoomni itti fufiinsa qabu itti mirkanaa’e.

👉 Ardii Gurmoofte

‎Afriikaa siyaasaan gurmoofte, ilaalcha Paan-Afriikaaniizimiifi mul’ata haaromsa Afrikaa irratti hundoofte.

👉 Bulchiinsa Gaarii

‎Afrikaa diimokraasii, mirgi namummaa, haqaa fi ol’aantummaa seeraa keessatti mirkanaa’e.

👉 Afriikaa Tasgabooftee fi Nageenya qabdu:

‎AfriIkaa waldhabdee hunda dhabamsiisuuf galma kaa’atte.

👉 Eenyummaa Aadaa Cimaa

‎Afriikaan aadaa eenyummaa cimaa ta’e hambaalee fi duudhaalee waliinii fi naamusa hawaasummaa qabdu.

👉 Misooma Uummataan Hogganamu:

‎Misooma humna uummata AfrIikaa irratti, addatti immoo dubartootaa fi dargaggootaa irratti hundaa’e.

👉 Afriikaa addunyaa irratti gahee olaanaa qabdu:

‎Afriikaa waltajjii addunyaa irratti gamtoofte, dandamattuu fi michuu dhiibbaa uumuu dandeessu ta’uun dhiyaattu

Madda: Gamtaa Afriikaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply