AMN PLUS- Amajjii 21/2018
Itoophiyaatti walitti hidhamiinsi dijitaalaa babal’achuu hordofee haleellaawwan saayibariin miidiyaalee hawaasummaa kanneen“Whats App, Telegram’ fi pilaatifoormiiwwan biroon raawwataman dabalaa waan jiraniif lammiileen of eeggannoo cimsuu akka qaban Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa hubachiise.
Haleellaawwan saayibarii kunneen sadarkaa yaaddessaa ta’een dabalaa dhufuu mirkaneeffachuu kan ibse Bulchiinsichi, keessumaa sagantaawwan idil addunyaa Itoophiyaatti qophaa’an akka carraa gaariitti fudhachuun kanneen odeeffannoo dhuunfaa, ragaalee baankii fudhachuun nageenya dijitaalaa mancaasuuf tattaafatan jiraachuu qorannoo fi hordoffii taasiseen bira gahuu ibseera.
Burjaajjii namoonni uuman kunneen sagantaa akka siimpooziyemii fayyadamuun, paakeejii bilisaa, carraa hojii addaa, liinkii affeerraa siimpooziyemiifi biroo sababaa jedhuun namni akka cuqaasu haala mijeessuun ergama ragaafi odeeffannoo nama dhuunfaa fudhachuun lammiileen yakka waliin dha’amuuf akka saaxilaman taasisaa jiraachuu beeksiseera.
Ragaa nama dhuunfaa gama pilaatifoormiiwwan kanneeniin argatanii booda sochii maallaqaa nama sanaa to’achuu irra darbee, firaa fi namoota dhiyoo nama saaxilamee irratti ergaa “nan rakkadhe, maallaqa naaf ergi” jedhuun ergisiisuun lammiileen rakkoo diinagdee fi xiin sammuuf akka saaxilaman taasisaa jiraachuu hordoffii taasisameen hubatamuu ibseera.
Hawaasnis liinkota shakkisiisoo gama pilaatifoormiiwwan miidiyaa hawaasummaa kanneeniin ergaman banuu dhiisuun akkasumas “Report” fi “Block” gochuun, Lakkoofsa dhoksaa ergamu (Verification Code) nama kamiifuu qooduu dhiisuun nageenya dijitaalaaf murteessaa ta’uu beekee ergaawwan bulchiinsichaan kennaman hojii irra akka oolchu yaadachiiseera.
Bulchiinsichi lammiileen Mirkaneessa Gam-lamaanii (Two-Step Verification) atattamaan fayyadamuun namootni haleellaa kana odeeffannoo teekinooloojiin fayyadamanii raawwatan akka akkaawuntii nama dhuunfaa hin to’anne waan dandeessisuuf akka dhimma itti ba’an hubachiiseera.
Hawaasnis yakkamtoota saayibarii kanneen seeratti dhiyeessuuf qaamolee haqaa fi nageenyaa dhimmi ilaallatu waliin hojjachaa jiraachuu kan eere yoo ta’u, hawaasnis yoo sochii shakkisiisaa akkasii argu Bilbila Bilisaa 933 irratti eeruu akka kennu yaadachiiseera.