Biyya dhalootaaf gaaddisa taatu ijaaruuf Galaana Diimaatti deebi’uun dirqama – Hayyoota

You are currently viewing Biyya dhalootaaf gaaddisa taatu ijaaruuf Galaana Diimaatti deebi’uun dirqama – Hayyoota

‎AMN PLUS -Amajjii 20/2018

‎Pirezidaantiin Yunivarsiitii Salaaleefi Hayyuun Saayinsii Hawaasaa Fayyeeraa Dhiinsaa (PhD) “Akkuma hidha haaromsaa dhugoomsine ulaa galaanaa milkeessuun faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa dhugoomsuun dirqama filannoo hin qabnedha” jedhan.

‎Dooktar Fayyeeraan, seenessa waloo biyya wal irraa fageessu irra fedhii biyyaalessaa hubachuun kan walitti fidu qabaachuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

‎Guddina attatamaa Itoophiyaan galmeessaa jirtu caalaatti fiixaan baasuudhaaf dhaabbileen barnoota olaanoo qo’annoofi qorannoo adda adda taasisuufi dogoggora seenaa sirreessuun milkaa’ina ulaa galaanaaf tumsuu akka qaban hubachiisaniiru.

‎Hayyuun Saayinsii Siyaasaa Obbo Salamoon Tafarraa akka jedhanitti, injifannoon Adawaa fi Hidha Haaromsa Itoophiyaan argame dantaa biyyatii kan kabachiise ta’uu kaasuun “Buufatni Asab ammo itti aansuun birmaddummaa fi dantaa Itoophiyaa kan mirkaneessuudha” jedhan.

‎Guddinni Itoophiyaa bishaan waliin akkuma wal qabatu kufaatiin ishees Galaana Diimaan kan wal qabatu waan ta’eef, Guddina waaraa damdaneessaa amma mul’ataa jiru daran saffisiisuuf Galaana Diimaatti deebi’uun dirqama ta’uu dubbataniiru.

‎Biyya dhalootaaf gaaddisa gaarii taatu ijaaruuf lammiilee hundi gumaacha biyyattiin barbaaddu akka taasisaniif hayyoonni kunneen dhaamaniiru.

‎Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) ergaa kanaan dura irra deddeebiin dabarsaniin, haqa shiraa fi dabaan fudhatame ulaa galaanaa deebisiisuun dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa mirkaneessuun akka barbaachisu yaadachiisaa turan.

‎Itoophiyaan Ulaa Galaanaa dhabuun baasiiwwan guddaaf saaxilamaa jiraachuu kaasuun dantaan biyyattii garee fi humna alaan kan murtaa’u osoo hin taane fedhii, kabajaafi faayidaa lammiilee irratti kan hundaa’u ta’uu dubbachuun isaanii ni yaadatama.

‎Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply