‎‎Finfinneetti hayyama malee foddaa Konkolaataa irratti istiikarii gurraacha maxxansuun tarkaanfii cimaa fudhachiisa

You are currently viewing ‎‎Finfinneetti hayyama malee foddaa Konkolaataa irratti istiikarii gurraacha maxxansuun tarkaanfii cimaa fudhachiisa

‎AMN PLUS- Amajjii 21/2018

‎Konkolaachistoota foddaa Konkolaataa irratti hayyama malee istiikarii gurraacha maxxansan irratti tarkaanfiin cimaa fudhatamuuf akka jiru Qajeelchi Poolisii Waliigalaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

‎Qajeelchi kun baatiiwwan Jahan darbanitti taasiseen konkolaachistootni Kuma 33 fi 59 hayyama tokkollee osoo hin qabaatin foddaa konkolaataa isaanio irratti istiikarii gurraacha akka maxxanfatan hordoffii taasiseen bira ga’uu ibseera.

‎Itti dabaluunis, konkolaachistoota lakkoofsa gabatee qunca’ee fi hin mul’atneen osoo konkolaachisanii qabaman Kuma 15 ta’an irratti tarkaanfiin fudhatamuu beeksiseera.

‎Foddaa gurraachaa kan fayyadamanii fi xurumbaa yeroo balaa kanneen maxxansiifata adabamuu Qajeelchi Poolisii Waliigalaa Finfinnee ibseera.

‎Foddaa gurraacha kanneen fayyadaman hojii hojjattoota nageenya tiraafikaa danquufi waan konkolaataa keessatti ta’u akka hin to’anneef danqaa uumuu akkasumas qaamoleen haala kanaan osoo yakka raawwatanii qabaman akka jiran Poolisiin eereera.

‎Konkolaachistootaafi konkolaattota qaamolee nageenyaa fi geejjibaa dhimmi ilaalu irraa osoo hayyama hin qabaatin foddaa konkolaataa waan gurraachaan dhoksan akkasumas ibsaa fi xumrumbaa yeroo balaa fayyadaman irratti tarkaanfiin cimaa ta’e kan fudhatamu akka ta’e, Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee ibsa AMN’f ergeen hubachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply