Bara jijjiiramaa kana keessatti magaalonni Itoophiyaa xiyyeeffannoo guddaa argataniiru – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Bara jijjiiramaa kana keessatti magaalonni Itoophiyaa xiyyeeffannoo guddaa argataniiru – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN – Amajjii 7/2017

Bara jijjiiramaa kana keessatti magaalonni Itoophiyaa xiyyeeffannoo guddaa kan argatan yoo ta’u, jiraattota isaaniif mijataa fi miidhagaa, akkasumas hawwata tuurizimii akka ta’an hojjetamaa kan jiru ta’uu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

MM Abiyyi Ahima (Dr.), Giftii duree Zinnash Tayyachoo, Itti Aanaa Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa fi Kantiibaa adaanech Abeebee Magaalaa Gondaritti misooma kooridarii fi sadarkaa haaromsa Masaraa Faasiladas irra jiru daawwataniiru.

Misoomni Magaalaa Gondar fi haaromsi Masaraa Faasiladas haala hawwataa ta’een kan haaromsamaa jiru yoo ta’u seena-qabessummaa magaalattii kan guddisuu fi bakka hawwatummaa tuurizimii magaalittiis kan dabalu ta’uu isaa Aadde Adaanech toora marsaa hawaasaa isaaniitiin ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply