AMN PLUS Guraandhala 27/2017
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii bulchiinsaa uummaatatti dhiyeessa jiraachuu isaa Waajjirri Muummee Ministeera ibseera.
Hojii bulchiinsaa hawaasatti dhiyeessuuf caasaalee Gandoota Cimsuun murteessaa ta’uu Waajjirri Muummee Ministiraa ibsaneera.
Naannoo Oromiyaatti bulchiinsaa gaarii uumuuf bulchiinsa ummataaf dhihoo ta’e hojii irra oolchuuf tattaaffiin taasifamaa jira.
MM Abiy Ahimad (Dr.) Itti Aanaa MM obbo Tamasgeen Xurunaa fi Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa waliin ta’uun Aanaa Ambootti sochii Gurmaa’insa Caasaa Gandaa daawwachuun isaanii himameera.

Naannoo Oromiyaatti Gandoonni haaraa kumni 7 fi 342 Gurmaa’uu ibsuun, Humni namaa kumni 50 ramadamuus eerameera
Tajaajilli ogummaa fi bulchiinsaa kanaan dura aanaalee keessatti kennamaa ture sadarkaa Gandaattis humna namaa guutuun kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma walfakkatuun MM Abiy Ahimad (Dr.) Piroojektii Qaama Loojii Ikkoo Dandii Wancii ta’e sadarkaa ijaarsa Loojii Dandii daawwataniiru.
Ijaarsi Pirojektichaa xumuramaa jiraachuu himuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.