Giddugalli Leenjii Loltummaa Huursoo miseensota raayyaa Kabachiisa Nageenyaa eebbisiie

You are currently viewing Giddugalli Leenjii Loltummaa Huursoo miseensota raayyaa Kabachiisa Nageenyaa eebbisiie

AMN PLUS- Bitootessa 9/2017

Raayyaan Ittisa Biyyaa Giddugala Leenjii Loltummaa Huursootti miseensota raayyaa nageenya kabachiisan eebbisiiseera

Sagantaa eebbaa kanarratti kan argaman Raayyaa Ittisa Biyyaatti Hogganaan Qajeelcha Olaanaa Mahaandisii Leetenaal Jeneraal Dastaa Abbichee dabalatee Ajajaa Giddugala Kabachiisa Nageenyaa Meejer Jeneraal Addaaminee Mangistee fi qondaaltonni olaanoo argamniiru.

Loltoonni eebbifaman kunneen kumaaloota mootaraayizdii 20ffaa fi 21ffaa ta’uun isaanii eerameera.

Eebbifamtoonni kunneen ergama kabachiisa nageenyaaf biyya alaatti warreen kan bobba’an ta’uu giddugalichatti Itti Gaafatamaan Ijaarsa Xiin-Sammuu Koloneel Balaay Hiruuy ibsuu isaanii odeeffannoon Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa argame ni muli’isa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply