AMN – Bitootessa 11/2017
Walii galteen Piriitoriyaa misoomawwan bu’uuraa deebisuun uummanni Tigraayi tajaajila akka argatu taasisuu isaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) himan.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) yaadaafi gaaffii miseensota mana mareerraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Walii galteen Piriitoriyaa misoomawwan bu’uuraa deebisuun uummanni Tigraayi tajaajila akka argatu taasiseera, haata’u malee ammas dhimoonni sirnaan hin raawwatamne jiru.
Inni tokkoffaan hojii haaromsa hidhattootaa yoo ta’u kunis kan inni miidhu uummata Tigraay ta’uu kaasan.

Dargaggoonni maqaa hidhataatiin taa’uurraa hojiilee misoomaarratti hirmaachuu qabu kan jedhan MM, maallaqni biiliyoonaan lakkaa’amuu fi ji’a ji’aan darbanitti misoomarra ooluu qabu hojii kanaaf baasii ta’a.
Buqqaatota gara qe’eetti deebisuu ilaalchisees Raayyaafi Tsallamtitti hojiin fakkeenyummaa qabu hojjetameera, iddoowwan kaanitti garu haala karoorfameen akka hojjetamne Abiyyi (Dr.) himaniiru
Kunis kan inni ta’eef hojii namoomaafi siyaasaa qaamoleen walitti makan jiraachuudha jedhan.
Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraayi waggoota lamaan darbanitti waraana dabalataa hambisuu keessatti hojii olaanaa raawwachuu ibsan.
Yeroon waggaa lamaa Bulchiinsa yeroo Mootummaa Naannoo Tigraayif kenname waan xumurameef dhimmi fooyya’iinsa seeraa barbaadu jira, seerri yoo fooyya’u raawwiin ture qoratamuu qaba jedhan.

Walii galtee Piriitoriyaa karaa eeggateen jijjiiramni muraasni erga taasifameen booda bulchiisi yeroo naannichaa hojiisaa hojjechaa uummata filannoof ni qopheessa jedhan.
Dhimma kana ilaalchisuun hooggantoota bulchiinsa yeroo fi qooda fudhattoota biroo waliin mari’atamaa jira, adeemsa kanaan hojiileen qoratamanii namoota jijjiiruun jiraachuu akka danda’u eeraniiru.