AMN- Muddee 25,2017
Naannoo Oromiyaatti bara bajaata kanatti lafa heektaara mil. 4 irratti qamadii bonee misoomsuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuusaa Pireezidaantiin Mootummaa Nannoo Oromiyaa Obbo Shimalis Abdiisaa himaniiru.
Bara 2011 facaasaa qamadii bonee lafa hkt. 7,000 irratti kan eegalle yoota’u, bara 2016 lafa hekt. mil. 2.8 irratti misoomsuun danda’amee jira.
Bara 2017 kanatti immoo muuxannoo waggoota darbanii bal’isuun qophii lafjalee bal’aa taasisuun, lafa hkt. mil. 4 irratti qamadii bonee misoomsuuf karoorfamee hojjatamaa kan jirru yoo ta’u hanga ammaatti lafa hkt. mil. 3 ol qamadiin uwwifamuun sadarkaa adda addaa irratti argama.
Waggoottan darban qabeenya bishaanii jiru fayyadamuuf pirojektoota jallisii irratti xiyyeeffannoon sochii taasifmeen qonni Oromiyaa seenaa biyya keenyatti fuula haaraa umuu danda’amusaas dubbachuu isaanii waajjira Pirezidaantii Oromiyaarra odeefanne.