AMN PLUS-Bitootessa 12-2017
Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa galgala kana sa’aatii 6:00 irratti Istaadiyeemii Morookoo Laarbii Zaawuliitti gita isaa Ijipti waliin morkata.
Waaliyaawwan ramaddii isaanii keessaa taphoota 4 gaggeessaniin sadi qixa bahanii tokko injifatamuun qabxii sadi walitti qabatanii sadarkaa 5 ffaa irra yoo taa’an , faallaa kanaa warri Fara’oonotaa taphoota 4 gaggeessan keessaa sadi injifatanii tokko qixa bahuun qabxii 10 sassaabatanii ramaddicha dursaa jiru.
Morkii garee lamaanii murteessan lammii Moorishiyees Paatiriis Milaazar murteessaa sarara gidduu ta’uun taphachiisu.
Misikkir Alamaayyootiin