Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa Mana Barnootaa Ifa Boruu Naannoo Sidaamaatti ijaarame eebbisan.

You are currently viewing Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa Mana Barnootaa Ifa Boruu Naannoo Sidaamaatti ijaarame eebbisan.

AMN PLUS- Bitootessa 17/2017

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa fi Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Sidaamaa, Obbo Dastaa Leedaamoo Naannoo Sidaamaatti Mana Barnootaa Ifa Boruu bajata Mootummaa Naannoo Oromiyaan ijaarame eebbisaniiru.

Manni Barnootaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Sidaamaa Lakkuu jedhamu Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 49 oliin lafa heektaara 12 irratti ijaaramuutu ibsame.

Manni barnootaa bifa ammayyaan ijaarame kun daree barnootaa, kutaa bulchiinsaa, Mana Kitaabaafi Yaalii dabalatee kutaawwan gara garaa kan of keessaa qabuudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hariiroo Obbolummaa Naannolee Ollaa waliin qabu caalmaatti cimsuuf hojii misoomaa fayyadamtummaa lammiilee mirkaneessan irratti xiyyeefatee hojjechaa jiraachuu BKO irraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply