Giddu Gala Leenjii fi haromsa dubartootaa ̕Lenegewaatti̕  marsaa 2ffaaf leenji’an 380 eebbifaman.

You are currently viewing Giddu Gala Leenjii fi haromsa dubartootaa ̕Lenegewaatti̕  marsaa 2ffaaf leenji’an 380 eebbifaman.

‎AMN PLUS Bitootessa 20/ 20117

‎Magaalaa Finfinneetti dubartoonni 380 jireenya rakkisaa keessaa bahuun ogummaa gara garaan “Giddu Gala Leenjiifi haromsa dubartootaa ʼLenegewaatti̕ Marsaa 2ffaaf leenji’an bakka kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi hoggantoonni mootummaa olaanoo magaalichaa  argamaniitti  eebbifamaniru.

‎Sagantaa eebba dubartoota  Giddu gala  Leenjiifi dandamachisa  dubartoota “Lenegewaa” marsaa 2ffaa irratti kan argaman Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen kaayyoon giddu  galichaa inni ijoon dubartoota sababa adda addaatin rakkoo hawaasummaa fi dinagdeef saaxilaman  kaleessaa isaanii በማirraaffatanii  egeree  isaanii akka tolfatan gargaaruu fi abdii itti  horudha jedhan

‎Katiibaa Adaanech rakkolee hawaasummaa koorniyaadhan dubartootii ta’u qofaan muudatan hir’isuufi dubartoonni kabaja isaaniif maluu argatanii akka jiraataniif  qaamni hawaasaa hundi itti gaafatamummaa isarraa eegamuu bahachuu qabu jedhaniru.‎

‎Rakkolee hawaasa dubartoota jireenya daandii fi iddoo hin malleetti boobbaasan  furuuf qaamni hundi tumsuu akka qabu kan himan Kantiibaa Adaanech, dubartoonni  har’a eebbifaman carraa hojii argataniitti fayyadamuun of- jijjiranii namoota kanneen biroos jijjiruuf  fakkeenyummaa cimaadhan hojjachuu akka qaban dhaamaniru.

‎Daayirektarri Olaanaa Giddu Gala Leenjii fi   Dandamachisa Dubartootaa ̕Lenegewaaʼ Hirphasaa Caalaa (Dr.) sagantaa eebbaa irratti haasaa taasisaniin  giddu galichii dubartoota 400 marsaa 2ffaaf  leenjisuuf simatee keessaa dubartoonni 380   ogummaa adda addaatin  leenjii gahaa fudhachuun  eebbifamuu isaanii himaniru.

‎Eebbifamtoonni kunneen qormaata madaalli gahumsaa fudhatan keessa  dhibbeentaan 93  qabxii barbaachisuu galmeessuun darbuu isaanii Hirphaasaan (Dr.)  ibsaniru.

‎Dubartoonni 380 giddu gala ʼLenegewaa̕ keessatti leenjii fi qormaata madaalli  fudhachuun darbanii marsaa 2ffaaf  eebbifaman kun dhaabbilee adda adda keessatti carraa hojii argataniru

‎Dubartootni eebbiffamaniis haala mijataa bakka jireenya qormaataan guutamee kalessa dabarsaa turan itti jijjiran mootummaa ijaarsisuun tajaajila akka argatan isaan taasiseef galateeffachuun carraa argatan kanaan ammoo egeree isaanii sirnaan qajelfachuuf kutannoon kan  hojjatan  ta’u dubbataniru.

‎Kantiibaa Adaanech, abbooti qabeenyaa kallatti garagaraatin guddu galiichaaf deeggarsa taasisaa turaniif beebeekamtii keennuun tumsa olaanaa taasisaniif galateefataniru.

‎Giddu galli leenjii fi dandamachisa ̕Lenegewaaʼ yeroo itti aanuuttis dubartoota jireenya uulfaataa fi fokkisaa dabarsaa jiran kalessa isaanii duubatti dhiisanii egeree isaanii qajelchuuf  qophii ta’an marsaa 3ffaaf  ofiitti simatee  ogummaa garagaraatiin kan leenjisuuf qophii  ta’un  himamera.

‎Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply