Ambaasaddarri Israa’eel Itoophiyaatti argaman Abrahaam Nigusee (Dr.) Itoophiyaan ulaa galaa argachuuf daandiin isheen hordofte sirrii ta’uu isaa ibsan.
Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf gaaffin isheen kaaste adeemsa dippiloomasii fi nageenyaa waan ta’eef barbaachisaadha jedhan.
Itoophiyaan biyya baay’ina ummataa guddaa qabdu waan taatee fi guddina diinagdee ishee itti fufsiisuuf ulaa galaanaa qabaachuun akka gargaaruun hubachiisaniiru. Yeroo ammaa kana Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf kara nagaa fi dippilomaasii hordofaa jirtus sirrii ta’uu ibsaniiru.
Biyyoonni addunyaa haqaaf inaaffaa qaban hundi barbaachisummaa ulaa galaanaa Itoophiyaa gaafate akka hubatu amantaa qaban Ambaasaaddar Abrahaam himuun, biyyi ummata baay’ee qabdu ulaa galaanaa malee jiraachuu hin qabdu jedhan.
Guddina diinagdee Itoophiyaa fi fayyadamummaa ummata ishee itti fufsiisuuf dhimmi ulaa galaanaa furmaata argachuu akka qabu hubachiisuu isaan TOI irraa odeeffanne