Poolisiin Federaalaa Hidha Haaromsa guddichaaf birrii miiliyoona 200 fi miiliyoon 54 ol gumaache

You are currently viewing Poolisiin Federaalaa Hidha Haaromsa guddichaaf birrii miiliyoona 200 fi miiliyoon 54 ol gumaache

AMNPLUS- Bitootessa 26/2017

Poolisiin Federaalaa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaaf bittaa boondii dabalatee sagantaa galii walitti qabuu qopheesseen birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 54 fi kuma 600 oli galii taasisuu isaa karaa dubbii himaasaatiin beeksiseera.

Dubbii himaan Poolisii Federaala Gargaaraa Kimishinaraa Mogas Chokkol ibsa kennaniin Poolisiin Federaala fi hoggantooni isaa bakka haalli mijatan hin jirretti bakka dhagaan bu’uura Hidha Haaromsa Itoophiyaa ka’ame waggoota 14ffan darban halkaniifi guyyaa aarsaa lubbuu kaffaluun hojiin ijaarsa hidhicha karaa kamiinuu akka hin gufanneef eegaa jiraachuu kaasaniiru.

Miseensonni Poolisii Federaalaa fi hoggantoonni eegumsa Hidha Haaromsaaf taasisaa jiran dabalataan akkuma lamiilee biyyaatti kaanii sagantaalee galii walitti qabuu qopheesuun waancaa Hidha Guddichaa kabajaan bakkarra gara biraatti nagaan akka socho’u taasisu fi mindaa isaanii irra gumaachuun hanga ammaatti birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 54 fi kuma 600 oli galii taasisuu himuusaanii Poolisii Federaalaarraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply