Naannoo Amaaraatti boqonnaan marii ajandaa walitti qabuu eegalame

You are currently viewing Naannoo Amaaraatti boqonnaan marii ajandaa walitti qabuu eegalame

AMN PLUS- Bitootessa 27/2017

Naannoo Amaaraa Magaalaa Bahaar Daaritti boqonnaan marii ajandaa walitti qabuu bakka Komishinaroonni Komishinii Marii Biyyaalessaafi qooda fudhatoonni argamanitti eegalameera.

Sagantaa Bahaar Daaritti adeemsifaa jiru kanaratti bakka bu’oonni paartilee, qooda fudhatoonni garagaraa, abbootiin amntii , jaarsoliin biyyaa fi bakka bu’oonni kutaalee hawaasa garagaraa argamniiru.

Sirna baniinsaa kanarratti kan argaman Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessa Piroofesar Masfin Ara’ayaa rakkoolee akka biyyaatti mudatan furuuf waliin mari’achuun aadaa ta’uu qaba jedhan.

Kutaalee hawaasaa rakkoolee jiran dandamachuun gara mariitti dhufanis galateeffataniiru.

Rakkoolee mudatan karaa ammayyoomeen furuuf mari’achuun murteessaa ta’uu kan kaasan Piroofesar Masfin Ar’aayaan hirmaattonni maricharratti hirmaata ajandaawwan hawaasa bakka bu’an dhiheessuun itti gaafatamummaasaanii akka bahatan dhaamaniiru.

Komishinarri Itti Aantuun Komishinichaa Hiruut Gabrasillaassee gama isaaniin nagaa itti fufinsa qabu dhugoomsuuf mari’achuun murteessa ta’uu kaasan.

Hirmaattonnis gaaffii dhiyeessuu irra darbee furmaatas agarsiisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Komishinarri Komishinichaa Malaakuu Waldemaariyaam gama isaaniitiin, rakkoolee akka biyyaatti mudatan furuuf furmaatni isaa marii ta’uu himuusaanii TOi’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply