Konfaransiin Nagaa mata duree ”Dhaabbileen Amaantii Ijaarsaa nagaa fi Araaraa keessaatti gahee Ol’aanaa qabu” jedhuun qophaa’e Magaalaa Jimmatti ta’aamaa jira.
Mariin kun Gumii Dhaabbilee Amantii Oromiyaatiin kan qophaa’e yoo ta’u, maricharrattis abbootii amantii dabalatee Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaa fi Hooggantootni nageenyaa naannolee hirmaachaa jiru.
Walitti qabaa Itti aanaan Gumii dhaabbilee Amantii Oromiyaa Sheek Galii Muktaar kaayyoon marichaa ijaarsa nageenyaarratti hubannoo uumuuf ta’uu eeraniiru.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir dhaabbileen amaantii Ijaarsaa biyyaa keessatti qooda olaanaa qabaachuu himuun kana dhugoomsuufis tumsuu akka qaban dhaamuusaanii Kominikeeshinii Godinichaarraa odeeffanne.