Magaalaa Finfinneetti konkolaachistooni tokko tokko kallattiifi mallattoo tiraafikaa naannoo masaraa mootummaa 4 Kiiloo jiru kabajuu dhabuun adabbii seera tiraafikaaf saaxilamaa jiraachuu Poolisiin Finfinnee beeksiseera.
Daandiin naannoo Masaraa Mootummaa 4 Kiiloo kanaan dura kallaattii lamaan(Two way) tajaajila ture kallattii tokko (One way) qofaan tajaajila akka kennu taasifamuu Poolisiin yaadachiiseera.
Haata’u malee konkolaachistooni tokko tokko kallattiifi mallattoo tiraafikaa kabajuu dhabuun adabbbii seera geejjibaaf saaxilamaa waan jiraniif eeggannoo gochuu akka qaban Poolisiin irra deebiin hubachiiseera.
Kanumaafuu konkolaachistooni daandiin naannoo Masaraa Mootummaa 4 Kiiloo kanaan dura kallaattii lamaan (Two way) tajaajila ture kallattii tokko (One way) qofaan tajaajila kennaa jiraachuu hubachuun kallattiifi mallattoo tiraafikaa akka kabajaniifi adabbiirraa akka baraaraman beeksiseera.
