Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambi Doollootti guyyaa Ispoortiin Misoomaafi Nageenyaa biyyaalessaa 5ffaa sababeeffachuun sosochiin ispoortii qaamolee hawaasa garagaraa hirmaachise adeemsifameera.
Saganticharratti Ministir Deetaa Ministeera Aadaafi Ispoortii Makkiyyuu Mahaammadiifi Pirezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Isaayyaas Jiraa dabalatee hooggantoonni mootummaafi jiraattonni magaalaa Dambi Doolloo hirmaataniiru.
Guyyaan Ispoortiin Misoomaafi Nageenyaa sadarkaa biyyaalessaatti yeroo 5ffaaf sadarkaa addunyaatti yeroo 12ffaaf kabajamaa jira.