Gammachuun keenya Olaanaan gammachuu jiraattota keenyaa arguudha- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Gammachuun keenya Olaanaan gammachuu jiraattota keenyaa arguudha- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Ebala 09/2017

‎Kantiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Kutaa Magaalaa Booleetti Manneen harka qalleeyyiif ijaarame eebbisuun dabarsaniiru.

‎Kantiibaa Adaanech, gammachuun keenya olaanaan gammachuu jiraattota Magaalaatti argadhudha jedhan.

‎Xiyyeeffannoon bulchiinsa magaalichaa imiimmaan hiyyeessaa qoorsuu ta’uu kaasaniiru.

‎Kantiibaa Adaanech ayyaana Faasikaa sababeeffachuun Manneen jireenyaa 446 akka Magaalaattiitti dabarfamuu eeraniiru.

‎Magaalattiitti hojiin jireenya jiraattotaa fooyyeessan hojjatamaa jiru jedhan.

‎Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Kutaa Magaalaa Boolee Aadde Alamtsahaay Shifarraaw, Manneen jireenyaa kunnen Ministeera Galiiwwanii,Komishinii Gumruukaafi qooda fudhattootan kan ijaaraman ta’uu himan.

‎Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Nugusee rakkoo hawaasummaafi dinagdee jiraattota magaalichaa furuuf hundumtuu tumsuu qaba jedha.

‎Guddataa Ajjamaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply