Addis Miidiyaa Neetwork yeroo jalqabaaf Feestivaala Ispoortii hariiroo hawaasummaa fi waliitti dhufeenya hojjattotaa dhaabbatichaa giddu jiruu cimsuu irratti fulleffatee adeemsise

You are currently viewing Addis Miidiyaa Neetwork yeroo jalqabaaf Feestivaala Ispoortii hariiroo hawaasummaa fi waliitti dhufeenya hojjattotaa dhaabbatichaa giddu jiruu cimsuu irratti fulleffatee adeemsise

‎AMN PLUS- Ebla 18/2017

‎Addis Miidiyaa Neetwork hariiroo hawaasummaa fi waliitti dhufeenya hojjattotaa dhaabbatichaa giddu jiruu cimsuu, akkasumas hoggansaafi hojjetaa qaamaafi sammuun fayya buleessa ta’e hirachuu irratti fulleffachuun yeroo jalqabaaf Feestivaalaa dorgommii ispoortii gosa garagaraa adeemsiseera.

‎Sagantaa Feestiivaala Ispoortii Addis Miidiyaa Neetworki irratti kan argaman hojii raawwachisaa Olaanaan dhaabbatichaa Obbo Kaasaahun Gonfaa sagantaan Feestivaala Ispoortii AMN yeroo jalqabaaiif qophesse kun waliitti dhufeenya hojjattotaa giddu jiruu cimsuufi hoggansaa fi hojjetaa qaamaafi sammuun fayya qabessa ta’e horachuuf shoora olaanaa taphataa jedhaniru.

‎AMN dhaabbata qabiyyee fi bifiyyeedhan jijjirama guddaa keessa kan jiruu ta’u kan kaasan Obbo Kaasaahun sagantaan feestivaala ispoortii akkanaa waliitti dhufeenya hojjataa dhaabbatichaa cimsuun dhaga’amtuummaa dhaabbatichaa gara fula duraatti itti fufsiisuuf ni gargaaras jedhaniru.

‎AMN sagantaa 24/7n hojii odeeffannoo wayitaawaa dhaqqabsiisuun gamatti sagantaalee kan akka feestivaalaa Ispoortiifi kannen biroo waliitti dhufeenya hawaasummaa hojjattotaa cimsan itti fufinsaan kan qopheessuu ta’u Hojii Raawwachisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa himaniru.

Hojjettoonni AMN gama isaaniin, sagantaan akkasii qophaa’uun isaa walitti dhufeenya fi jaalaa hojjettota giddu jiru waan cimsuuf cimee itti fufuu akka qabu himaniiru.

‎Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply