Hooggantoonni olaanoon Poolisii Federaalaafi Poolisii Finfinnee haala nageenya walii gala Magaalaa Finfinnee Waajjira Muummee Poolisii Federaalaatti qorataniiru.
Oppireeshinii qindaawaa guutuu kutaa magaalaa Finfinneetti taasifameen namoonni karaa seeraan alaan namoota daddabarsan, hanna konkolaataarratti hirmaatan, Nootii birrii sobaa daddabarsan, mobaayilootaafi Kompiitaroota hedduu akkasumas meeshaalee jijjiirraa konkolaataa saamuun shakkaman to’atamaniiru.
Kanaan alattis meeshaa waraanaa seeraan alaa fayyadamuun shakkamtoonni yakka saamichaa raawwataaa turan to’atamaniiru.
Maashina ”IMEI” balleessu fayyadamuun moobayiloonni hataman akka hin argamne warreen godhan, meeshaa shishaa qabanii argaman meeshaalee hatan waliin to’atamuu Poolisiin himeera.
Keessumattuu Oppireeshinii qindaawaa Kutaalee magaalaa Qiirqosiifi Booleetti taasifameen shakkamtoonni bu’uuraalee mootummaa saaman, doqdoqqeen moobayila butan, shakkamaan kaardii ‘ATM’ 12 namoota gowwomsuun fudhatee maallaqa saameefi shakkamtoonni biroo hedduun to’atamanii dhimmi isaanii qoratamaa jira.
Nageenya magaalaa Finfinnee waaressuufi yakka ittisuuf oppireeshiniin qindaa’aan eegalame cimee kan itti fufu ta’uu ibsamuusaa Poolisii Federaalaarraa odeeffanne.