Fiigichi daandiirraa Km 10 mata duree Itoophiyaan haa oomishtu jedhuun qophaa’e dorgomame

You are currently viewing Fiigichi daandiirraa Km 10 mata duree Itoophiyaan haa oomishtu jedhuun qophaa’e dorgomame

AMN PLUS Ebla 19,2017

Dorgommicha Ministeerri Indaastirii marsaa 3ffaaf kan qopheesse yoo ta’u hoggantoonni olaanoon mootummaa, Atileetonni ciccimoon biyyattiifi keessummoonni garaagaraa irratti hirmaataniiru.

Saganticha irratti argamuun haasaa kan taasisan Ministirri Miniteeraa Indaastirii Obbo Malaakuu Allebel kaayyoon sagantichaa oomisha biyya keessaa Itoophiyaan oomishuun alatti ergaa jirtuufi galteewwan Ispoortii biyya keessatti oomishamaa jiran beeksisuudha jedhani.

Ispoortiin hariiroo hawaasaa cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himuun gara fulduraattis cimee kan itti fufu ta’uus akeekaniiru.

Dorgommii addabaabayii Masqalaa irraa eegaluun, bakkichumatti xumurame kanaan atileetota sadarkaa 1 hanga 10 bahaniif badhaasni maallaqaa kennameera.

Dachaasaa Dhaabitiin

+5

See insights and ads

Boost post

All reactions:

5252

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply